Xurree ittiin seenan

Breaking News

Laaboraatoriin Ibolaa Keessatti Qoratan Baname


Dhukkuba Iboola qorachuuf kan gargaaru laboratoiin tokko Sabbataa keessatti banamuun isaa ibsamee jira. Yeroo ammaa qorannaalee 100 geggessuuf meeshaan dandeessisu Afrikaa kibbaa irraa Finfinnee kan seene yoo ta'u meeshaaleen wal’ansa fayyaa Itiyoopiyaa keessa jiranis sadarkaan isaanii kan foyyeffaman ta’uu daayreekteerri Dhaabbata eegumsa fayyaa hawaasaa Itiyoopiaa Dooktoor Ammahaa Kabbadee beeksisanii jiru.

Itiyoophiyaan dhukkuba Ibolaaf saaxilamuuf carraan qabdu xiqqoo ta’uu kan ibsan Dooktoor Ammahaan dandeettiin of-irraa ittisuu dandeesisuu guddaan jiraachuu isaa hubachisan.

Of -eegannaa barbaachisu gochuuf jecha dirree xayyaaraa Boleetti imaltonni biyyatti ituu hin seeniin dura qorannaan akka irratti gaggeeffamu akkasumas kanneen lafoo karaa daangaa seenana yoo jiraatan jedhamees oogeessonni leenjii argatan bobbaafamuun ibsamee jira.

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:53 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG