Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkubi Ibolaa Itiyoophiyaa Keessa Hin Jiru


Namnii Itiyoophiyaa keessatti Ibolaan qabame hin jiru jechuun giddu kana ibsaa kan jiran aangawoonni Itiyoophiyaa dhukkubichi yoo argame jechuunis qohiin barbaachisu godhamu ibsanii jiru.

Oromiyaa keessattis uummanni waa’ee dhukkuba kanaa akka hubatu gochuuf irratti hojjatamaa akka jiru obbo Daaniel Kabaa biiroo fayyaa Oromiyaa irraa ibsaniiru. Daangaa oromiyaa keessa jiran adda addaa irratti hojiin imalatoota lafoo gara biyyattii seenan irratti hojiin hordoffii jalqabamuu isaa fi dirree xayyaaraa Bolee keessattis namoota biyya alaa irraa biyyattii seenana irratti qorannaan gaggeessuun kan jalqabame ta’uun ibsamee jira. Oromiyaa keessatti toraban kana hojjattoota ekstenshinii fayyaa waa’ee dhukkuba Ibolaa irratti leenjisuu jalqabamee jira.

Angawaa eegumsa fayyaa oromiyaa obba Daaniel Kabaa waliin marii geggeeffame dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:31 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG