Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ibolaan Yeroo Ammaa Sadarkaa Maalii Irra Jira?


Biyyoota Afrikaa gama dhiyaa seeraaliyoon Laayberiyaa fi Ginii keessatti lakkofsi namoota haaraa Ibolaan qabamanii gad bu’aa kan jiru ta’uun ibsamee jira.

Oduu gaariin biyyoota Afrikaa gama dhiyaa irraa dhaga’amu kan jalqabe torban darbe ture. Ministrii eegumsa fayyaa Ginii keessatti qindeessaa waa’ee dhukkuba Ibolaa kan ta’an Aboubakar Diakite kaleessa Paris irraa akka jedhantti gad cabeera yeroo jennu garuu lakkoofsa guddaan miti jedhan.

Magaalaa galma mootummaa Laayberiyaa Menrovia keessatti aangawaan Tokkummaa Mootummotaa kan itti gaafatama irra jiran akka jedhantti Ibolaa ittisuuf carraaqqii gaggeeffamu keessatti fooyya’iinsa guddaan jira. Kanneen Ibolaan haaraa qabamanis ta’e du’an xiqqaataa jiru jedhan.

Ta’us garuu jedhan duulli Ibolaa irratti gaggeeffamu xumuramuu irraa fagoo irra jira jechuun kan akeekkachisan Anthony Banbury turan. Dhaabbtoota dhunfaa fi kanneen biroo dhufanii hojii kana gaggeessan feena jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:01:40 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG