Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bokkaan Oromiyaa fi Naannoleetti Roobee Haraa-Danbalaa Guute, Saatii Malee Roobullee Nama Hedduu Fure


Waajjirii Guddaan Metrooloojii Itoophiyaa Finfinnee jira
Waajjirii Guddaan Metrooloojii Itoophiyaa Finfinnee jira

Haga tokkoo bokkaa Hagayyaa gabbatteeti,haga tokko ammo Gannatti saati malee roobe, haga tokkoo ammo adoo Gannaa fi Hagayyallee hin gahin jidduutti roobe.Bokkaan naannolee Itoophiyaa haga guddaan itti roobee lolaasee haraa-danbalaa guutee,gama tokkoon ammallee roobuutti jiru nama hedduu fure.

Lafti bokkaa argatte akka Ejensiin Metrooloojii biyyoolessaa haga guddaan naannolee horsiisee bulaa guddaa toleef.

Akka Dr.Dirribaa Qorichaa,Daarekterii Daarekteroota Metrooloojii fi Dursa Akeekkachiisa biyyooleessaa jedhutti Oromiyaa gama Kibba, naannoo Somaalee,Jiddu Galaa fi Kaaba Bahaa, Kibbaa fi Kibba Bahaalleetti guddoo robe.

Bokkaan kun naannolee horsiisee bulaa ka akka Boorana,Gujii,Somaalee fi naannolee gara garaa midhaan gannaa galfachuutti jiran;Kaaba Bahaa, Kaaba Dhihaatii fi Jidduu Gala Bahaaka akka naannoo Tigraayi fi naannoo Amaaraa fa irraa midhaan balleessuu fa dandaha.Ummatilleen quba qaba.

Bokkaan bona keessa roobe kun akka Dr.Dirribaatti jijjiirama qilleensaatii fi oowwa qilleensaa garba Indiitiifi garba Arabaa oowwisee biyya qilleensa jiidhaa bubbeen waliin fuudhee Afrikaa gama gaafaa fidutti bokkaa fida.

“Waggoota dabaran hedduu keessattu waggoota lamaa sadeen dabranittiasittuu bokkaan kun yeroo bonaa keessa roobuutti jira.”Gama kaaniin ammo biyyootii hedduun saatelaayitii qilleensaan tohattu qabdii Itoophiyaan saatelaayiti qilleensaa qabdii jennaan Dr.Dirribaan

Saatelaayitiin gatiin qaalii waan taateef addunyaan saatelaaytii Awurooppaata Jappaan, ta Chaayinaa, saatelaayiti Indii fi ta tana fakkaattu hedduu irraa odeeffannoo argatti.

“Ta awurooppaa mudhii lafaa irraa km 38,000 fagaattee Keenyaa gama Kaabaa jirtiiakkaaataa duumnesii itti uumam footoo kaaftee daqiiqaa kudha shan,kudha shanitit odeeffannoo nuu ergiti.Itoophiyaa sirriitti gadi illaalti ija kanaafuu ragaan irraa argannu mirkanaahaa.Kana caalaatti ammo buufata metrooloojiikuma oli waan qamnuuf raga gaari ummataa dabarsina.”

Saatelaayitiin Awurooppaa tun mudhii lafa irra waan jirtuuf biyya hedduutti faaydaa irraa argata.

Itoophiyaan ammo digrii sadii ykn km333 Mudhii lafaa irraa waan fagaattuu saatelaayiti tana irraa odeeffannoo dansaa argatti jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:22 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG