Xurree ittiin seenan

Breaking News

Murtiin Kenname Ilaalcha Uummataa Daran Addaan Fageesse


Yunaaytiid steetes kutaa Mizuurii magaalaa Fargusan keessatti dargaggeessa gurraachi polisii aadiin ajjefamuu isaan kan ka’e dhimmi seeraan ilaalamaa ture dhuma irratti murtiin kenne biyyatti iddoo adda ddaa keessatti hokkara hamaa hordoofsisee ture. Murtiin kenname kunis polisii ajjechaa kan rawwate irrratti himannaa dhiyeesuuf ragaan dandeesisuu qubsaan hin jiru kan jedhu ture. Namoota uummata keessaa funaanaman kanneen jiraatoota naannoo ta’an kudha lamatu akkaataa deemsa seeraa Amerikaa GRAAND JURII jedhamuun murtii kana kennaan. Namoota kana keessaa sagal Aadii sadii immooa gurraacha ta’uun ibsamee jira.

Murtiin kenname kun ilaaalcha uummata biyyatti gidduutti adda addummaa kan uume yoo ta’u rakkoo gurraachaa fi adii giddu jiruus daran hammeessee jira.Prezidaantiin Yunaaytiid steetes Baraak Obaamaan wiixata Muddee 1, bara 2014 masaraa Waayit Haawuus keessatti kaabinee isaanii hogganoota mirga sivilii fi aangawoota seera kabajsiisan wajjiin dubbatanii jiru.

Lammiwwan Amerikaa hidda dhalata Afrikaa qaban polisotaan waan irratti rawwatamuun gadduun hawaasa keessatti wal amantaa dhabiinsa hammeessee biyyatti dadhabsisaa jira jedhan prezidaant Obaamaan.

Polisoonni siviloota yeroo qunnaman walitti dhufeenya qaban kan waraabu kaameeraa kuma shantama bituuf akkasumas polisootaaf leenjii dabalataa akka argatan gochuuf mootummaan Doolaara Miliyoona hedduu akka ramadamuufis gaafatanii jiran.

Rakkoo Fargsan keessatti uumamee fi deemsa seeraa JURII kan ilaaleen ogeessa seeraa fi haayyuu waa’ee mirga dhala namaa kan ta’an Obbo Haabtaamuu Biraanuu Aweetu walin gaaffii fi deebii gaggeeffame armaa gadiitti caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:45 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG