Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raadiyoo Sagalee Ameerikaa fi Marii Ibolaa


Waajirri Raadiyoo sagalee Amerikaa dhiyeenya kana dhukkuba Ibolaa kan ilaaleen marii sagantaa Televiziyoonaa Street Took Afrikaa jedhamu fi marsariitii hawaasaa irratti tamsaasame dhiyeessee ture. Marii kana irratti ogeessoota biyyoota Afrikaa dhiyaa keessatti dhukkubsatoota gargaaraa eega turanii booda ofii iyyu Ibolaan qabamanii yunaaytid steetes keessatti wal’anamanii fayyan, hayyoota Ibolaa irratti qorannaa adda addaa gaggeessan akksumas kanneen biroon hirmaatanii turan.

Weerarri Dhukkubii Ibolaa jiraachuun baatii Bitooteessa darbe eega labsamee as Raadiyoon Sagalee Amerikaa gabaasaalee hedduu odeeffannoo uummataaf tamsaasaa akka ture fi dhukkuba kana kan ilaaleen gaaffii fi deebii adda addaa gaggeessaa akka ture fi ammas itti fufee akka jiru kan ibsan Daayreektera Raadiyoo Sagalee Amerikaa Deeviid Ensoor turan. Michoota muxannoo wal fakkaataa qaban kan akka Bi Bi sii (BBC) wajjiin hojii kana gamtaan kan itti fufamu ta’u ibsuun sagantaaleen haaraan biyyoota Afrikaa gama dhiyaa keesssatti dhaga’aman akka banamanii jiran haaraanis akka banamuuf jiran Deevid Ensoor hubachisanii jiru.

Weerara dhukkuba Ibolaa daangeessuuf caasaa jiran jajjabeessuu barbachisa kan jedhan hayyoonni keessumaa biyyoota Ibolaana akka hamaatti miidhaman Ginii Laayberiyaa fi Seeraa Liyoon keessatti kana gochuun akkaan barbaachisaa dha jedhu. Ibolaan dhaamsa nama dammaqsu dabarsee jira kan jedhan Yunaaytiid steetestti Ambaasaaddarri Seeraa Liyoon Bokaarii Steeven caasaa tajaajiila eegumsa fayyaa jabaan akka jiraaatuuf iyyatan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:44 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG