Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummoonni bilusummaa Marsariitii ukkaamsuun dabalaa deeme jedha Freedom House


Biyyoota 65 irratti qorannaa geggeessame keessaa walakkaa dhaa ol imaammata isaanii kan oduuwwan marsariitii irratti ba’u calalu ykn saansuri godhu erga bara 2013 qabee akkaan cimsuu isanaii Gabaasi “Freedom on the Net 2014” jechuunis bilisummaa intenetii kan bara 2014 jedhuun beeksisee jira.

Mootummoonni hagi tokkos to’annaa isaanii gama kanaan jiru lammiiwwan kanneen yaada isaan morman marsaa inteneetii irratti maxxansan ittiin adabuuf itti fayyadamu. Gareen dhimmootii mirga namaa irratti hojjetu Freedom House gocha bilisummaan marsariitii-tti fayyadamuu addunyaa gad deebi’u godhe kana balaaleffatee jira. Freedem House irraa laura Reed akka jedhanitti.

Biyyootai walabummaan marsariitii-tti fayyadamuu akkaan gad deebi’e keessaa Raashiyaa, Turkey fi Ukranie. Akkuma qorannaa keenya kan waggootii hedduu mul’isutti, qorannaa hamma geggeessameen biyyoonni ammas haala hamaan hojii akkasii irratti bobba’an Iran, Syria fi china dha jedhan.

Akka gabaasa ba’eetti waggaa kanas lakkoobsi namoota marsariitii-tti fayyadamuu isaaniin hidhamanii ol ka’e. Kanneen marsaa interneetii irratti fayyadaman kun, yaada isaan marsariitii iraatti maxxansan qofaaf utuu hin taane mobile harkaa dabalatee meeshaalee electorniksii isaan qaban irraa waan argameef illee ni himatamu.

Iran, Syria fi Chinaan kanneen bilisuummaa marsariitii ukkaamsan keessaa isaan duraa ti. Biyyoota haga tokko to’annaa cimaa gocaa turan laaffisan keessaa Myanmar(Burma), Tunisia, cuba fi Hndii dha. Ameerikaa keessaa dhaabbata nageenya biyyoolessaa-n to’annaan heeyama mana murtiin ala fayyadamootta marsariitii irratti geggeessame qabxii iseen qabdu gad buusuu irraan kan hafe Kanneen US fi biyyootii Awropa irra jireessa keessa jiraatan walabummaa interneetii-tti fayyadamuu qabu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:09 0:00
Xurree marsariitii


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG