Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maqaan Saatellayitii Awurooppaa Ta Itoophiyaan Qilleenmsa Naannoo Ufiitiin Laallattu MSG-2


MSG-2 saatelaayitii Awurooppaa Mudhii Lafaa irra teettee qilleensa Afrikaa tohatti.Itoophiyaa irraa km kuma 38 oli fagaatti.
MSG-2 saatelaayitii Awurooppaa Mudhii Lafaa irra teettee qilleensa Afrikaa tohatti.Itoophiyaa irraa km kuma 38 oli fagaatti.

Qaroomii addunyaa laakkuma bulee kahuun dabalaa deema.Bubbee garbaa-galaanaa gara galchitu, awwaara gugurdoo fi wannii hedduun saatelaayiti jalaa dhokataa hin jirtu fa taati.

Addunyaan saatelayiti qilleensa naannoo bonaa fi ganna,jijjiirama qilleensaatii fi waan heddun tohatan jaha qabdi.Hagii tokkoo Kaabaa fi kibba irra mara, hagii tokko mudhii lafa irra hin chocho’u.Ta lafa martuun Polar satellite jedhanii ta mudhii lafaa irra teettuun ammo Geostationary satellites jedhan.

Biyyootii jahaan saatelaayitii qaban; Awurooppaa (EUMETSAT)’European Satellite, Amerikaa, Jappaan, Indii,Chaayinaa fi ta Raashiyaati.MSG,ta lafa martu,METOP ta Kaabaa fi Kibba irra martu, JASON-2 garba tohatti.

Saatelaayitiin Itoophiyaan qilleensa ufiitin tohattu akka jecha daarektera daaarekteroota Ejensii Raaga Qilleensaa fi Balaa Dursa Akeekkachisa Metrolooji biyyoolessaa Dr.Dirribaa Qorichaatti, MSG-2.

MSG Itoophiyaa qofaa mitii Afrikaanuu haajaan baati.MSG lafa harka 66 caalaa tohatti. Mudhii lafa irra gama Keeniyaatiin jirti Itoophiyaa irraa akka jecha Dr. Dirribaatti km 38,000 oli fagaattii qajeela naannoo ‘Gulf of Guinea’ gubbaa jirti.

Saatelaayiti tana bara 2002 hawaatti oli baasan. Saatelayiti akkanaa tana lafa saatelaayitii Awurooppaa gara Hawaatti oli baasan;Kourou, French Guiana fa keessaa oli baasan.MSG,waan qilleensii Afrikaa,Awurooppaa,fi Atlaantic gama Kaabaatii keessa jiru daqiiqaa 15 keessatti raaga qilleensaatii dabarsiti.

MSG-2 gama isaatiin mudhii lafaa irra teettee waan qilleensii keessa jiru daqiiqaa 15 faatti dabarsti jedha Dr. Dirribaan.

“Nuutsi ammo muuxannoo qamnuu fi akkasuma moodelii itti dadaballee saa ja’haa booda maalti mulataa bulti tokkon duubaatti …maaltu mullataa… jennee ragaa itit kennini.”

Qilleensi jijjiirame jechuun Afrikaa maal fida jennaan,”oowatti dabalaa naannoo Saaheli haga Itoophiyaatti bokkaatti dabalaa,garau gara Afrikaa gama Kibbaa bokkaatti diqqaata.”

Saatelayitiin Awurooppaa ta qaraa, Meteosat-1 bara 1977 hojjatamte.

Saatelaayitiin dhaloota ammaa jedhaniin,MSG-2, Meteosat Second Generation Hagayya 2002 naannoo Faransaay,Kourou, French Guinea Hawaatti oli tokkosan.

MSG-3 ammoo saatelayiti haaraa bara 2012 oli baasan.Saatelayitituun tuttun jijjiirama qilleensaa tohatti.

please wait

No media source currently available

0:00 0:11:03 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG