Xurree ittiin seenan

Breaking News

Korii Jijjiirama Qilleensa Addunyaa Irratti Mari’achuuf Liimaa, Peruutti Taa’e(COP 20) Waan Hedduu Irratti Walii Gale


Perezdaanti Peeruu Ollanta Humalaatti kora irratti wa dubbachuutti jira,Muddee,11, 2014.
Perezdaanti Peeruu Ollanta Humalaatti kora irratti wa dubbachuutti jira,Muddee,11, 2014.

Qilleensii addunyaa tanaajijjiiramaa deemuutti jira;laftii durii bonaa amma lafa gannii roobee hin caamne,ta durii gannaa amma ammoo lafa bonaa qawwisaa tahaa deemti.

Raammoo-buuqqataa,limmee marraa fi muka nyaattu, cabbii baqxee garbatti dabalamtee garbii guddatee namatti faca’aa,lafti didiqqoon bisaan jidduu jirtu,Iddoolaan bisaaniin marfamtee namii sodaa keessa jira.

Qilleensii gurraachii hamaan addunyaa jijjiiru waan hedduu irraa dhufa;aara hamaa makiinaa, warshaa, xuyyuura,gaazii gubani fi waan hedduu keessaa bahutti aara lafatti faca’ee lafa ukkaamsuutti jira.

Tokkummaan Mootummootaa damee eegumsa naannoo ta torbaaniin duratti Liimaa Peeruutti taa’an waliin marroo 20essoo rakkoo tana irratti mari’achuuf kora taa’e.

Kora COP 20 jedhan kana irratti waan hedduutti dubbatan,biyya tamti aaraa qilleensa hammeessuu lafatti gadi dhiisa,biyya tamitti fala qillensa hamaan kanaan tohatan barbaaduu didduutti jira,rakkoo tana akkamiin falla,yoom falla, faluuf maan tolchuu malanii fi waan hedduu mari’atan.

Baranallee doolara biliyoona 9 oliitti rakkoo tanaan faluuf argame.Biyya qilleensa jijjiiramaa deemu kanaan falachuuf hojjattu fala isii laalanii hori kana kennaniif.

Mataan marii baranaa “A call for Action” Yaamicha Hujii jedha. Itoophiyaan rakkoo tanaan faluuf maanti jirti,naannoon Oromiyaa hoo?

Obboo Didhaa Dirribaa daarektera Bosonaa fi Qabeenna Uumama Oromiyaati. Warra kora kana dhaqee gale keessaa tokko.

Koriin kun guyyaa 12n Liimaa Peeruutti kora taa'e irratti mari'ate jennaan...

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:29 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG