Xurree ittiin seenan

Breaking News

Michuu saba cunqurfamee jedhamuun kan beekaman Dr. Martiin Hiil Du’aan Boqotan


Dr. Martin HIll
Dr. Martin HIll

Garee mirga namaaf falmu Amesty International keessatti qorataa fi qabsaa’aa mirga dhala namaa kan turan Dr. Maartiin Hiil Amajjii 16 bara 2015 du’aan boqotanii jiran.

Sirni awwaalchi isaanii har’a magaalaa London keessatti raawwatameera. Dhiittaa mirga namoomaa mootummoonni geessisan keessumaa kan gaanfa Afriikaa keessaa gabaasuun waggootii 30 oli ennaa Amnestii keessa turanitti cichaan hojjetaa turan.

Dr.Maartiin Hiil dhiittaan mirga namaa lammiiwwan Oromoo irratti geggeessamu akka saaxilamuuf illee xurmura waggaa darbee irratti gabaasa dheeraa Amnestiin baase qopheessuu keessatti qooda guddaa kan qaban ennaa ta’u hawaasi addunyaa sagalee kanneen cunqurfamanii akka dhaggeeffatu godhaniiruu jedhu michoonn isaanii.

Jireenya isaanii guutuu mirgi namaa akka eegamu qabsaa’aa kan turan Dr. Martiin Hiil ennaa milkaa’inni akkasii uummata isaan falmaafii turaniif argametti bakka maratti kabajaan ni yaadatamuu yaadatamaas jiraatu jedhu michuu isaanii dhiyoo kan ta’an Dr. Mohamed Hassan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:06 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG