Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walga’iin Mana-maree Paartiilee Siyaasaa Paartii Mootummaa illee Of keessaa Qabu Sababaa Hin beekamneen Addaan Cite


Danbii Naamusa Filannoo bara 2002 tumame irraa ka’uudhaan – Dhaabbatni Dimookiraatawa Uummata Oromoo yokaan DH.D.U.O-n ka keessatti argamu Mana-maree Walitti-dhufeenyaa hundeeffatanii akka socho’aa turan kan ibsan Hoogganonni paartiile kanaa, DH-D-U-O fi paartiileen ja’an baatiitti si’a tokko walga’uun akka irra turee fi ennaa dhimmi hatattamaa jiraatu immoo, sanaa asitti iyyuu akka walga’an waamuu danda’an dubbatan.

“Amma garuu ka baatiitti si’a tokko wal-geenyu illee hafee jira” jedhu Paartiilee ja’an keessaa tokko ka ta’e Koongiresa Biyyoolessaa Oromoo Obbo Tolasaa Tesfaayee.

Hoogganaan paartii ka biraa, ka Paartii tarkaanfachiisa Gadaa kanuma dubbatan. DHDUO bakka bu’uun ka Mana-maree Paartiilee toorba of keessaa qau sanatti hirmaatan Obbo Moges Ida’ee garuu “hojiin walitti-dhufeenyaan hojjennu hin dhaabbanne. Walga’iin Mana-maree baatii tokko qofaaf dabarsame. Innis ka DhDUOn qofa dabarsame otuu hin taane, walii-galtee paartiilee hundaatiini” jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:51 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG