Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qilleensjii jijjiirame USA-ti bineensa garba keessaa dahoofi nyaata qurxummii tahu ‘Coral’ edduu qancarsee fixuutti jira


 تعزیہ جس میں سبز اور لال جھنڈوں کا استعمال کیا گیا ہے
 تعزیہ جس میں سبز اور لال جھنڈوں کا استعمال کیا گیا ہے

Qilleensii addunyaa gama tokkoon oowwaa gama kaaniin qabbanaa’aa deemu waan hedduu hammeessa.Gama tokkotti oowwee bokkaa buusaa gama tokko qabbanaahee bona fida.Jijjiiram qilleensaa waliin waan hedduutti dhufa.

Qilleensii jijjiirame bineesa garba keessaa Corals jedhan hedduu balleessa
Qilleensii jijjiirame bineesa garba keessaa Corals jedhan hedduu balleessa

Lafa qofa gubbaa miti garba keessalleetti lafa oowwisee waan hedduu yakka.Keessattuu,bisaan garbaa oowwan bineensa garba jala jiraattu ka yoo lalaan biqiltuu fakkaatee dahoo fi soora qurxummii tahu, ingiliffaan Coral jedhan qancaree bada. Kooral(Coral) yoo laalan dotii,woma biqiltuun hafuuraan baafattu ingiliffaan photosynthesis qaba.

Kooraliin oowwa haga itti dabru hin dandahu;qancarsee,addeessee, goggossa.Koorals goggonnaan qurxummiin yaata dhabdee baqatti.

USA biyya garbii marsee jiraattu.Biyya tanatti qurxummii sanyii hedduutti jira. Jireenna nama Amerikaa gama tokkoon qurxummiitti harkaa qaba.Qurxummiin badde jechuun ammoo rakkoo hedduutti dhufa.

Akkuma laftilleen jiraachuuf baddaa feetu bineesnii garballeen jiraachuuf Koralsi argachu fedha
Akkuma laftilleen jiraachuuf baddaa feetu bineesnii garballeen jiraachuuf Koralsi argachu fedha

Dr.Mark Eakin,dhaaba tohannaa garbaa fi qilleensa Amerikaatti (National Oceanic and Atmospheric Administration,(Noaa) saayinstistii qorannooti.Sagantaa tohannaa Kooralsi (Coral Reef Watch Program) keessatti itti gaafatamaa olaanaa.

“Naannoo Amerikaa ta American Samoatti Koorali hedduutti dhiqamee baduutti jira.”

Kooralliin akkana dhiqamuu jechuun garbii lafuma baddaa dhabe taha.

Akkuma laftii jiraachuuf baddaa qabaachuu malte bineensii garba keessaalleen jiraachuuf Kooral qabaachu male.

Koorlaiin akka jecha Dr.Maarkitti qilleensa naannoo wayyeessuu qofaa mitii bineensa bisaan keessaa miliyoona hedduuf soora tah,akka laftii qota garbaa dhiqmatee hin banne biyyee qopha,qorsallee irraa hojjatan,jirenna hedduutti itti hirkata.

Garba keessa Kooralsii %25 jira.Garbii Koorals hin qamne qurxummii qabaachuun dhiba taati.

Noaa,National Oceanic and Atmospheric Administration, dhaaba qilleensa hawaatii fi garbaa tohatu
Noaa,National Oceanic and Atmospheric Administration, dhaaba qilleensa hawaatii fi garbaa tohatu

Akka Dr.Mark jedhutti naannoon USA torba keessaa Kooralsiin dhiqamee baduutti jira.

“Florida, Virgin Islands, Pu’erto Rico Hawaiian, Guam, Northern Mariana Islands, fi American Samoa fa.Keessumattuu American Samoa keessaa guddoo dhiqamtee baduutti jirti.”

Akka doktora kanaatti kooraliin tun garba Paasifik dabalee garba hedduu keessaa badde.”Solomon Island,New Guinea, American Samoa, Equator,fi Fiiji faallee akkanuma.”

Akka gabaasa Noaatti addunyaa keessaa jireenna nama 500 itti hirkata.Koorlasi adudnyaa keessaa harka 20 bade.Kooralsii qancartee baddee jennaan deebite ejiraachuf ganna 10-15 fa turti.

Bara 1998 keessa gaafa El Niinoon addunyaaatti baafate biyya 60 tanaan miidhame.El niinoon gaafafasii Kooralsii biyya 60 miidhe.Garba Pacific,,Indian Garba Diimaa,pershiyaa,Mediteraaniyaan,Karibiyaan faatti argan.

Woma taateefuu qilleensi jijjiirame lafa gubbaa qofaa mitii garba jalallee oowwisee ykn qilleensa itti jijjiiree waan hedduu yakka.

Sagantaan,Coral Reef Watch Program (CRWP) akka garbii baddaa garba keessaa tun dhiqamtee hin banne waan hedduun tohata.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:20 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG