Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubartootaa fi carraa Hojii


ILO akka gabaasetti dubartoonni amma iyyuu loogiin ball’inaan irratti geggeeffamuu fi lafa hojiitti gad aantummaan ilaalamuun itti fufee jira.

Haalli dubartoonni keessa jiran gama loogii irratti geggeeffamuun isa waggaa 20 dura ture irra fooyyee qaba. Yeroo sana wal qixummaa dubartootaa argamsiisuuf akkasumas dubartoonni aangoo akka qabatan gochuuf Beejing China keessatti ajendaan dhiyaatee raggaasisame jedha jaarmayaan hojjettoota addunyaa ILO-n.

Dhaabbati kun akka gabaasetti dubartoonni addunyaa irra jiran harka caalaan ija tuffiin ilaalamu. Hojii maallaqa xiqqaan ramadameef hojjetu, carraa barnootaa hin qaban akkasumas falmachuufis ta’e murtii murteessuuf carraa xinnoo qabu.

Hojii maallaqni hin baafamneef harka caalaan dubartootaaf kennama, kunis itti gaafatama maatii, maanguddoota dullooman fi dhukkubsatan kunuunsuu dagbalata jedha jaarmayaan kun.

Gabaasni ba’e akka hubachiisetti yeroo kam iyyuu caalaa amma dubartoonni hojii irratti bobba’anii jiru. Garuu dubartootaa fi dhiirota hojii irratti bobba’an gidduu adda addmummaan jiru harka tokko qofaan gad cabe.

Hayyoonni dinagdee kan jaarmayaa hojjettoota addunyaa akka tilmaamanitti waggaa 10 booda jechuun bara 2025tti biyyootii dureeyyee keessatti adda addummaa jiru harka 250 gad xiqqeessuun ni danda’ama. Kun immoo dubartoota miliyoona 100 caalaaf carraa hojii bana.

Gama kaaniin jaarmayaa hojjettoota addunyaa keessatti angawaan dame waa’ee saalaa fi walqixxummaa Shauna Olney akka jedhanitti dhubartoonni yroo da’umsaa boqonnaa lafa hojii irraa kennamuuf fooya’ee jira.

Biyyoonni boqonnaa yeroo da’umsaa yoo xiqqaate torbanneen 14 kennan kan bara 1994 harka 38 qofaa ture. Waggaa darbe jechuun bara 2014 keessa harka 51 ga’ee jira.

Ta’us garu dubartoota yeroo boqonnaa ha’aa ta’e hin qabaanne kuma 800-tu jira. Kanneen keessaa harka 80 kan ta’an Afriikaa fi Asia keessa jiraatu jedhan.

Yeroo dubartoonni da’an abbaan warraa boqonnaan kennamuuf lakkoofsaan dabalaa jira. Isaan kun bara 1994 keessa harka 28 qofaa yoo ta’an amma garuu harka 56tti guddatee jira.

Dubartoonni ga’ii abbaa manaa irraa giddu galeessaan harka 77 kan argatan yoo ta’u kanneen mindaa guddaa qaban garuu adda addummaa guddaa qabu.

Qorannaan akka agarsiisutti dubartoonni mucaa da’’an dubartoota ijoollee hin qabaannee gad mindaa argatu. Kunis biyya keessa jiraatanii fi lakkoofsa ijoollee qaban irratti hirkata.

Garuu gama kaaniin abbootiin ijoollee qaban warra hin qabaanne caalaa maallaqa argatu. Olney VOAf akka ibsanitti dubartoonni lafa hojiitti loogiin irratti geggeeffamuun jireenya hawaasummaa fi dinagdee naannoo miidhe.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:53 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG