Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akkoo Manooyyee,Aster Gannoo,Masulee Saaqqoo,Gannee Gummittii fi..dubartiin Oromoo faaruu malte hedduu; Bitootessii, Ji’a Seenaa Dubartootaati


Amerikaatti Bitootessii 'Ji'a Seenaa Dubartootaati'
Amerikaatti Bitootessii 'Ji'a Seenaa Dubartootaati'

Biyya hedduutti dubartiin mirga filuu, filatamuu,makiinaa oofuu,barnoota barachuu,dhiirsa malee gadi bahuu, dhiiraan wal qixxee hujii hojjachuuf carraa dhabuu fi waan hedduu dhabde.

Rakkoon akkana atun biyya akka Maalii,Morookoo,Iraan,Kooti Divoori, Maritaaniyaa,Siiriyaa,Chaada,Paaksitaan,Yemen,Afgaansitaa fi biyya hedduutti rakko akkanaa qaba.

Bitootessa 8,2015 Filippinsi

​Tokkummaan Mootummootaa rakkoolee akkanaa hambisuuf yaada namaa qajeelchuuf Bitootessa 8, guyyaa dubartootaa jedhee moggaase.USA keessatti ammoo Bitooteessii ji’a dubartootaa jedhamee beekama.

Hayyoota jabeennaa fi qarooma dubartootaa Oromoo nutti himan keessaa Dr Ezqiheel Gabbisaa fi aabboo Waaqoo Guyyoo fa.

Qoodii dubartiin hawaasa keessaa qabdu waan hedani keessa hin bane. Dubartiin Oromoo ta waan faarsan hedduutti jira:

Aster Gannoo, dubartii ganna 130 duratti dubaratoota akka isii waliin garbummaa jalaa gara kitaaba Afaan Oromoo barreessu fi guddisuun huji jalqabde.Waan jarii afaan Oromootti deebise keessaa, Kitaaba Qulqulloo fa.

Akkoo Manooyyee,nama dubbii muraa dubbatu taaullee nama murtii fi hajajii isii herrega namaa ballisu.

Hajaja Akkoo Manooyyee kennite keessaa;Hin banatinaa,hin bobbaafatinaa, warra hin oolchinaa. Waaqaa fi lafa jidduutti mana naa jaaraa. Taffi subbaa miyyu naa fidaa.Kophee gamii lamaanuu rifeensaa naa fidaa fi kkf.Namilleen hajaja kana maluma gara garaatiin jalaa bahe.

Mammaasa dubartiin faarsan keessaa,‘Dubbiin horii,’jette Ruufoo Torii.

Abbaa jedhe beekuu baatanillee, Adoo akkii jechaa jiruu akki jechaa dhibeelleen mammaassuma nama uwwaa(dubartiitti)

Gannee Gummittii,haadha warrraa ta mootii Jimmaa ta dhuamati.Mootii Jimmaa ka bara sunii gorsuu fi jabeessuun beekmatu.

Faaxummaa Galmoo, ‘Haadha Oromooa fa jedhaniin jedhan.Nama bara mootummaa sadii keessaa Jibuutti baqataa Oromoo gargaaruun beekamu jedhan.

Maladii Malaa,haadha malaati. nama qaroomii isii nama hedduu gahee wa barsiise.Fkn dogongorsuu fedhanii akkana jedhaniin:Wa sadii dhufanii,tokko ya dabartee,taan harkaa qamnaa,taan dhufuutti jirtii hurrsii gadi bahi jennaan.”Ta dabarte dabartee,ta dhuftu waliinuu eegannaa,ta harkaa qabdan qabaa naan eegaa jette.”

Masulee Saaqqoo,halaqaa,nama mana isii waan cufaan guutuu, dubarti mana ufi jabeessitee qabattu ta biyyaafuu fkn taate.

Bittisee,isiin ammoo nama dubbii fala itti dhaban faluun beekamu. Nama yaadaa bal’aa biyyaan bulchan,dubbiin fixan,nama araarsanii fi biyyaa fala tahu qabu.

HaaWeecee,raaga beekamtuu.Nama waan dhufaa,ka keessa jiran, itti deeman beekee biyya gorsu,mala jireennaa namaa dhahu faarfsan.Nama gaaddisaa saddeeqaaleen oolan.

HaaBoruu Diidaa,dubbii jabduu dubbachuu fi mammaasaan beekan.Dubbii fi mammaasii isii humna qaba.Fkn waan isiin jettee saddeeqaan dhahahatan keessaa;hir’uu dhuguu didan… hirdhu nafaa dhalaafi dhalchaa didan,gaafa hirdhuun nama irra dabarte gurraan jaaruu didan fa.

Walumaagalttuu dubartii waan hedduun faarsan.Fkn guchii gurraalee (dhiira) tana guchii bobooratti(dubartii) dhale,guchii yaatee barbaaddu laafaa yaayyaatti (dubartii) dhale.Dhiira jabeenna himan tana dubartiitti uume jechuu.

Amerikaatti guyyaa fi ji’ii hedduun nama moggaasaniin qaba.Bitootessii ka dubartootaati.Akka addunyaati ammoo March 8, Bitootessa 8 baruma guyyaa dubartootaa jedhanii ulfeessan.

Addunyaan rakkoo dhiiraa fi dubartii carraan walqixxeessuu didde irratti durumaa falamaa baate

Ji’a kana keessatti rakkoolee dubartummaa isaaniitiin dubartii irra gahan dhufan irratti mari'achaa, jabeenna isaaniitii fi waan gara garaatiin hujii isaanii faarsaa qaabatan.Amerikaatti guyyaan kun Bitootessa 1-31,2015 irra oola. Baruma baraaan ulfeessan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:49 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG