Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummanni gargaarsa wal'aansa fayyaa argachuu qaba


“ East African Medical Relief Foundation ” kan jedhamuu fi jaamayaan Kaaliforniyaa keessatti hundeeffame godina Wallaggaa Dhiyaa keessatti tajaajiila eeegumsa tolaa kennuu eega jalqabee waggaa 6 guutee jira. Tajaajiila eegumsa fayyaa kan kennan Ogeessoota eegumsa fayyaa ooguma addaa qaban gaafachuun gara biyyaatti geessee torbanneen hanga tokkoof uummata eega gargaaranii booda akka deebi’an gochuun hojjata. Imala baranaa kan baatii Guraandhala kaasee torbanneen hanga tokkoof gaggeesseen dubartoota sababaa rakkoo da’umsa irratti isaan qunnameen waggootii dheeraaf fincaan qabachuu dadhabanii fi kanneen gadameessi isaanii gad- ba’uun rakkataa turan ogguma baqaqsanii suphuun kan fayyise yoo ta’u ijoollee yeroo dhalatan hidhiin isaanii inni gararraa hanga funyaan isaanti baqaqee dhalatanis suphuun gargaaree jira.

Kana malees ijoollee fi namoota umrii guddaa qaban kanneen iji isaanii moora uffatee arguu dhaban akkasumas ijoollee dhibeen Onnee isaan mudate waggaa darbee jalqabee gargaaraa jira. Jaarmayaan kun ijoolleen barnoota isaanii irratti akka jajjabaatan gochuuf kitaaboota 600 ol mana barumsaa sadiif raabsuu isaa bu’ursituun jaarmayaa kanaa Shamarree Obsee Luboo ibsitee jirti.

please wait

No media source currently available

0:00 0:11:58 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG