Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daraaraa yeroo Arfaasaa "Cherry Blossoms"


Daraaraa Cherry Blossoms Washington
Daraaraa Cherry Blossoms Washington

Ann McClellan kitaaba Cherry Blossoms jedhu barreessan. Dararaa kana ilaaluun hafuura namaa haaressa jedhan.

Namni kam eessa irraa iyyuu haa dhufu dararan kun hagam bareedaa ta’uu isaa dhugaa ba’a. Yeroon gannaa cabbiin bu’aa ture hagam gaarii hin ta’inuu malee dararaa kana waliin abdiin dhfuu isaa beeku. Sana qofaa miti, jireenyi illee hagam gababaa akka ta’e hubatu.

Dararaan Cherry blossoms jedhamu kun michummaa US fi Japan gidduu jiruuf mallattoo dha. Bara 1912 Tlkyon muka Cherry jedhamu kuma sadii Washingtoniin badhaaste. Kunis naannoo laggeen magaalattii keessa jiranii dhaabame.

Kennaan kun kan kenname United States walii galtee nageenyaa Portsmouth, kan waraana Raashyaa fi Japan gidduu xumuraan ga’e jaarsummaan geggeessuu ishee galateeffachuuf jecha jedhan.

Yeroo waraana addunyaa lammataa jechuunis erga Japan maadhee humna galaanaa kan Pearl Harbor jiru haleeltee booda mukkeen Cherry blossoms kun hagi tokko ni muraman. Ann McClellan akka jedhanitti uummanni naannoo

Naannoo laggeen muki kun dhaabamu halkan naanna’anii ilaaluu dhaan muki itti dabalaa akka hin murmne mirkaneeffatu. Maqaa muka kanaas waraana sana nu yaadachiisa jechuu dhaan “Oriental Cherry” jechuun moggaasan.

Aadaan feesitvaala daraaraa Cherry Blossom jedhamu kanaa kan jalqabame bara 1935 keessa.

Directorri tajaajila paarkii biyyoolessaa Bob Vogel akka jedhanitti waggoota dheeraa keessa ayyaanni kun feestivaala aadaa, aartii muuziqaa fi ayyaana michummaa uummata US fi Japan gidduu jiru kabajuutti jijjiirame.

Muuxannoo gaarii kan biyyoota keenya lamaan walitti hidhu. Eeyyee yaadi inni duraas kanumaaf ture. Kun immoo dhugumatti guddataa adeeme jedheen yaada jedhan.

Feestivaalli waggaa kanaa baatii darbe Bitootessa 20 hanga dilbata kaleessaatti ture. Daraaraan Cherry jedhamu baay’isee kan naqatu xumura torban darbee ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG