Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waggaa tokkoffaan durboonni Nigeria Itti butaman VOA keessatti yaadatamee oole


Simpoozimii Radiyoo sagalee Ameerikaan qophaa’e kana haasaa dhaan kan banan Directora VOA David Ansor turan.

Simposimii kana irratti argamuun haasaa kan dhageesisan keessaa miseensota mana maree bakka bu’otaa lama kanneen ijoollee Chibok kana gargaaruuf US fi sadarkaa sadarkaa addunyaatti qooda ijoo qaban beeksisanii jiran. Intala durbaa book haramiin ukkaamsaman keessaa kan miliqxe durbe Patcience Puolos argamtee jirti. David Ansor yadannoo waggaa tokkoffaa kana ilaalchisee akkas jedhan.

Guyyaan har’aa waggaa tokkoffaa Boko Haram ijoollee durbaa mana barnootaa 273 doormii isaanii kan Nigeria Kaaba gama bahaa kan magaalaa Borno keessaa jiru keessaa ukkaamsuun itti butee ti. Ijoollee kana keessaa 200 ol kanneen ta’an amma iyyuu achi buuteen hin argamne. Erga galgala ijoolleen kun itti qabamee kaasee VOA sagantaan afaan Hausa addaan utuu hin kutin gabaasaa jira. VOA sagantaa Afaan garaagaraa TV radio fi caasaalee hawaasa adda addaan gabaasaa jiran. Gabaasi kunis ilaalcha argatee jira.

Haasaa ijoo kanneen dhageessisan keessaa miseensa mana maree demokraatittii kutaa California Karen Bass fi miseensa mana maree Fredirka Wilson turan. Miseensonni mana maree lamaan ijoollee Chibok kana barbaaduuf tattaaffii godhamu keessatti qooda ol aanaa kan qaban ta’uu David ansor tuqaniiru.

Ijoollee kana dubartoota ga’eessota jechuun natti ulfaata. Sababiin isaas umuriin isaanii 16-18 gidduu waan jiraniif amma iyyuu shamarrani. Vidiyoo ganda ijoollee kanaa ana waliin as teessee kan ilaaltu kanneen miliqan keessaa tokko kan taate Pasheens maal akka itti dhaga’amu tilmaamuun nama hin rakkistu jedhan.

Maatiiwwan ijoolleen duraa dhabaman, hawaasa naannoo sana jiruu fi ijoolleen kun eessa akka jiran quba hin qabaanneef yaaddoo keessa jiraniif gadda natti dhaga’ame ibsuun fedha jedhan Miseensi mana maree Karen Bass. Naannoo addunyaattis aarii guddaa kan dhaqqabsiisee fi VOAnis simpzimuii kana qopheessuu isaatti galateefftaniiru.

Ka biroo ijoolleen Chibok kun akka gad dhiifamaniif tattaafii guddaa kan godhan miseensa mana marii Fredriikaa Wilsson. Ijoolleen kun qabamuutti aansuu dhaan Congresii ameerikaa seera Boko haraamiin balaaleffatuu akka baasu president Barack obamanis naga eegdotaa US kanneen seera eegsisaniif wal ta’iinsi basaasaa waraana Nigeria waliin wal ta’uu dhaan ijoollee kana akka baraaraman akka godhan gaafataniiru.

Guyyaan har’aa Eblli 14 guyyaa suukaneessaa ijoolleen kun itti ukkaamsamani waggaa tokkoffaa isaa ti.

Ijoolleen kun butamuu ennaan dhaga’au shorokeessonni qaama koo gar tokkoo akka waan nattii fudhatanitti natti dhagag’ame. Ofii koof hooggantuu mana barnootaan ture. Kanaaf mana barnootaa keessaa dhabamuu isaanii ennaan dhaga’e hedduun rifadhe. Ijoolleen kun barnoota argatanii of guddisuuf barataa turan. Ijoolleen martinuu ameerikaas haa ta’u addunyaa mara keessa jiran barnoota argachuu qabu. Ijoolleen durbaa kun dandeettii fi egeeree isaanii battalatti harkaa fudhatame. Sababiin isaas Boko Haram barnoota gama dhiyaa argachuu akka cubbuutti waan lakkaa’uuf.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:51 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG