Xurree ittiin seenan

Breaking News

Darban Afrikaa kibbaa Hokkaraan Raafamaa Jirti


Haleellaa Afriikaa Kibbaa keessatti raawwatame
Haleellaa Afriikaa Kibbaa keessatti raawwatame

Lammiwwan biyya alaa kanneen Afriikaa kibbaa keessa jiraatan irratti hokkaraa fi ajjeechaan gaggeeffamuu yeroo dheeraaf gabaafamaa ture.Torbanneen darban kana keessa magaalaa buufata doonii kan taate Darban keessatti haleellaa gaggeeffameen lubbuun namaa baduun akkasumas hedduun mada’anii mana yaalaa galuu isaanii ibsamee jira.

Daldala ykn suqiilee lammiwwan biyyoota adda addaa irratti balaa ibiddaa dhaqqabeen kanneen ajjeefaman keessaa lammiiwwan Itiyoophiyaa akka jiran ibsamee jira. Lammiwwan biyya alaa Darban keessa jiraatan sodaa nageenyaaf jecha qe’ee ofiitti deebi’uu dhisanii buufata polisii fi mooraa dhaaba baqattootaatti dheessaa akka jiran dubbatanii jiru. Dura teessuun komiishina gamtaa Afrikaa Kosaazaanaa Dalalaminii Zuma akka jedhantti yakka rawwatame kana mootummaan Afrikaa kibbaa qorachuu qaba.

Kunis Ebla 16 bara 2015 uummanni magaalaa Darban keessa jiraatu kuma hedduun hiriira ba'uun lammiiwwan biyya alaa irratti hookkarri oofamu dhaabachuu qaba jedhan.

Presidentiin Afriikaa kibbaa Jaacob Zuma biyyattii keessatti tasgabbiin akka bu'uuf gaafatniiru. Viktooriyaa keessa ka jiru Embasiin Itiyoopiyaa akka jedhutti lammiin Itiyoopiyaa ajjeefame tokko qofa ta'uu ibsuun yeroo amma lammiin itiyoopiyaa dhukkubsatee mana yaalaa jirus ta'e baqatee mooraa dahannaa keessa jiru hin jiru jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:14 0:00
Xurree marsariitii
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:38 0:00
Xurree marsariitii
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:43 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG