Xurree ittiin seenan

Breaking News

Giddu-galli Aadaa Oromoo Handhuura Finfinnee Irratti


Giddu gala aadaa Oromoo
Giddu gala aadaa Oromoo

Fininnee keessatti yeroo dheeraaf kan ijaaramaa ture fi Manneen Tiyaatiraa, galmawwan qorannaa aadaa dabalee – galmawwan hedduu kan of keessaa qabu – Waaltaan yokaan Giddu-galli Aadaa Oromoo, torban lama dura sirnaan eebbifamee hojii jalqabuu isaa Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa beeksisee jira.

Itti-gaafatamaan Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa – Obbo Guutuu Wayyessaa akka jedhanitti, Giddu-galli Aadaa Oromoo kafa karee meetira kuma afurtama irratti kan ijaarame yoo tahu, birrii Itiyoophiyaa miliyoondha dhibba sadi’ii ol tu ijaarsa isaatti ba’e. Hayyoota, ogeeyyii adda addaa fi artistoota dabalee hojjetoota haga dhibba sadii ta’an tu Giddu-gala kN keessaa hojjechuuf deema, ka jedhan Hoogganichi Biiroo Aadaa Oromiyaa, kutaleen akka godaambaa fi kutaa qorannoo afaanii fi seenaa hojii jalqabuu isaanii dubbatanii jiran. Giddu-gala kana cinatti, Manni-barnootaa artii ijaaramuuf, Prezidaantii Oromiyaatiin dhagaan bu’uraa kaa’amuu isaa illee hubachiisanii jira.

XS
SM
MD
LG