Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maratoonii Boston Leellisaa Deessisaatti moo’ee, Li’oneel Meesii Ammoo Haga kaleetti Goolii 400 Barseloonaaf Galche


Boston Marathon
Boston Marathon

Leellisaa, ilmii Deessisaa gurbaa ganna 25ti. Dhalootaa fi guddinnii Shawaa Bahaa naannoo Oromiyaati.Haajii Adiloo fi nama hedduutti leenjisee asiin gahe. Leellisaan nama Itoophiyaan maratooniif abdattu jabaa keessaa tokko.

Dorgommii Boston tana atileetota hedduutti itti wal dorgome
Dorgommii Boston tana atileetota hedduutti itti wal dorgome

​Ganna lamaan duratti gaafa maratoonii Boston,USA keesatti bombiin tokkaatee nama hedduu fixxe sunillee isatti maratoonii moohe.Maratoonii baranaallee isatti moohe.Yemane Tsegaay lammeessoo, atileetiin Keenyaa Wilson Chebet ammoo sadeessoo.

Yoo namii 33,000 dorgommii tanaa karaatti baafatellee atileetota hedduun cinaachaan wal qabee fiiga.Fiigichii oowwee dhuamchuu gahee jennaan ciniinnatee warra waliin dorgomu awwaara itti qotee bira dabre.

Boston Marathon
Boston Marathon

Leellisaan Maratoonii Ebla 20,2015 Boston dorgoman (2:09:17) moohe. Itoophiyaan dorgommii tanaaf nama saddeeti qopheessite.

Gama dubraatiin Karolaayin Rotich, atileetii Keneyaa (2:24:55), Maare Dibaabaa,atileetiin Itoophiyaa lammeessoo Buzunesh Dhaabaa ammoo sadeesso taate.

Lionel Messi goolii 400 haga Ebla 19,2015tti goolii 400 Barseloonaa galche
Lionel Messi goolii 400 haga Ebla 19,2015tti goolii 400 Barseloonaa galche

​Gama kaaniin ammoo taphataan kubbaa miilaa Barseloonaa beekamaan Li’oneel Meesii haga Barseloonaa taphachuu jalqabee ta kalee (Ebla 19,2015) waliin goolii 400 galche.

Gooli tokkotti inni tapha kilabiin isaa Valenshiyaa waliin taphattee 2-0 moote irratti tokko dabalee dhibba afur geetteef.

Meesiin goolii 400essoo galfatee jennaan adoo goolii duuba maree gammachuun utaalu mucucaatee akka hamaa jigee wasaasan fuudhan.

Seenaa La Liigaatti namii haga isaa goolii galchee hin jiru.Meesisin nama ganna 27, abbaa ilmaati (Taahigoo Meesii)lakkoofsa 10 keeyyate dura taphata.Mindaan isaa ganna dare innii argatu Euro miliyoona 20ti. Niitii isaa maqaan Antonella Roccuzzo diqqeennaa wal guddifatani amma ijoollee walti dhalan.

Zinadidin Ziidaatii fi Ronaaldoon Eboolaa Afrikaa gargaaruuf horii walti qabuufiitit jiran

Tapahtaa Biraazil ka durii,Ronaaldoo Ronaldo Luís Nazário de Lima fi tapahtaan kilabii Faransaay ka durii Zinaddiin Ziidan Afrikaa irraa Eboolaa ittisuuf tapha kubbaa miilaa taphatootii hedduun itti dhufan qopheessan.

Jarii kun biyya Afrikaa gama Dhihaa Seraaliyoon,Giinii fi Laayberiyaa hori walti qabuuf dorgommi tana qopheesse.

Dorgommii UNDP Sagantaan Misoomaa Tokkummaa Mootummootaa qopheesse kun sagantaa beelaa fi hiyyuma diqqeessuuf dorgoman.

Tapha biya tanaa horii waati qabuuf dogoman kana taphataa Cheelsii beekamaa Dider Diroogbaa,taphataa Dutch ka durii Clarence Seedorf fi leenjisa Biraazil ka durii Cafu faatti itti dhufaa jedhanii eegan.

UNDP sagantaan akkanaa kanaan gaafa Hayitiitti laftii chochoote nama kuma hedduu fixxellee akkuma horii walti qabaniif

Dorgommiin waancaa Awurooppaa FA CUP jedhan kilabootii 736 jalqaban amma Aston Viillaa fi Arsenaalitti walti hafe. Viillaan tapha baranaa marroo 14 taphattee irratti Liver Pooli 2-1 mootee asi geette.

Guyyaa 10 duubatti ammoo Arsenaaliin walti marti.Arsenaal armaan durattuu Viilaa 3-0 fi 5-0 moote.Jari kun lamaanuu Ebla 29,2015 waancaa FA argachuuf taphata.

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:46 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG