Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jimmatti Diida Xuyyuuraatiifi fi Bu’uura Misoomaa Gara Garaatti E'eebbifame


Diida Xuyyuura Jimmaa
Diida Xuyyuura Jimmaa

Obboo Hayilee Maariyam Dessaanaannoo dhiyoo tana hujii misoomaa dhumatte e’eebbisiisaa haaraa jalqabuuf deemanii ammoo dhagaa yayyabaa kaahaa deemuutti jira.

Muummeen minstera Itiyoophiyaa bu'uura misoomaa eebbisiisuuf Jimma dhufe
Muummeen minstera Itiyoophiyaa bu'uura misoomaa eebbisiisuuf Jimma dhufe

​Eebba diida xuyyuuraa kana obbo Hayilee Maariyamitit itti dhufe.

“Diidii xuyyuuraa qarooma jabanatiin jaaramee maqaa nugusa Jimmaa beekamaa Abbaa Jifaari baasaniifii wanti cuftii guutamteefii eebbifame kanaaf jedhee jila guddoo tanaaf waan Isanti dabalmeef guddoo gammada.Baga waliin asi geenne. Wantii diidi xuyyuura akun eebbifameef akka jecha obboo Hayilee Maariyamitti.

"Diidii xuyyuura kun waan hedduuf jaarame.Tokkoo akka ummatii, qorattooti yuniversitii Jimmaa,investerootii,warrii biyya daawwi yaahu ariitiin asi (Jimma) dhufee qabeenna uumamaa guddaa asi jiruun hujii hojjatu tolchuuf. Ka lammeesso qabeenni Jimmaa waan haadhanii hin dhumne,qonna keenna ka akkuma biyya guddachuutti jiranii qarooma jabana ammaatti jijjiiree asuma Jimmaa kaanee gabayaa addunyaatti geeffachuuf akka dandeennu faa jaarame.”

Tana maleellee muummee minsiteraa karaa Jimmaa haga Bongaatti km 110 eebbise.Akka jecha oduu himaa abbaa taayitaa daandii Itoophiyaa obboo Saamsoon Wandimmuutti hujii tana qarshii miliyoona 680 caalaa itti bahee hori kana mootummaa Itoophiyaatii fi baankiin misooma Afrikaatti tti wal gargaare.

Tana maleellee muummeen ministeraa kun achumatti Jimmatti lafa egerii warshaa akka akkaa itti jaaranillee dhagayaa yayyabaa kaahe.Warrii magaalaa Jimmaa jiraatu hujii hojjatamteef tanaa gamamchu guddoo jedha.

Warri filannoo qophiitti jiru hagii tokkoo waan nu agarsiisaanii nutti himan fialnnaa jedha hagii tokko ammoo abbaa filannoo hinmuma beennaa jedha.

“Ani Ihadeg filadha,faaydaa nuu kennaaf akkana.Waan hedduu arguutti jirra.Hujii misoomaa hedduu nuu hojjachuutti jiran. Hidhaa abbaayaa ganna hedduu cufan nuu hojjatan.”

Warri ollaa karrayyuu afaan isfaaltii jala qubatuu rakko bisaani hiamta.

“Boombaan bisaanii hin jiru,itti gaafamtoota gandaatii fi koreen ollaa ufiitti bisaan qotatanii dhugani nu ammoo rakko keessa jirra.Kunoo bisaan boollaa waraabbanna.Bineesuma waliin bisaan dhunna. Kunoo bisaan haroo hamaa kana dhunna.”

Jimmatti jarii DH.D.U.O dorgomu Obbo Muktaar Kadir, aaddee Ummii Abbaa Jamaalii fi obboo Solomoon Ababaa fa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:50 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG