Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shawaa Lixaa keessaa hookkara Filannoon wal qabateen lubbuun namaa darbe jedhu momritoonni angawoonni mootummaa garuu ni haalan


Doktor Mararaa Guddinaa
Doktor Mararaa Guddinaa

Filannoon biyyoolessaa Itiyoopiyaa kaleessa erga xumuramee booda haalawwan tokko tokko naannolee Oromiyaa keessatti mudachuu isaanii mormitoonni beeksisaniir jiru.

Itti aanaa dura taa’aan paartii Medredk Dr. Mararaa Guddinaa akka jedhanitti rakkooleen jiran utuu hin furamin filannootti bobbaane, mootummaan ofii isaaf taajjabdoota kuma 200 ta’u bobbaafate jedhan.

Mootummaan hidhattoota gandaa qabee hanga poolisii Federaalaatti humnoota kan of jalaa qabu, boordii filannoos guutummaatti kan bobbaafate isa jedhan. Ta’u iyyuu uummati keenya dhibba irra harka 97 ol dadammaqiinsaan nu faana bu’ee ture jedhaniiru.

Humna qabnuun hanga dandeenyetti duula filannoo geggeessinee jirra kan jedhan Dr. Mararaan dargaggoon nu faana hiriiree duula kanaaf dammaqiinisa addaa kennee jira, qabeenyaa qabnus gargaarsa arganne waliin walitti fiduu dhaan konkolaataa 8-10 bobbaasnee Oromiyaa mara keessa naanna’uun duula filannoo geggeessineerra jedhan.

Mootummaan garuu dheengaddaa qabee humna waraanaa bifa duula waraanaan nutti bobba’uu dhaan taajjabdoota keenya hidhuu, doorsisuu fi reebuu dhaan wiirtulee filannoo irraa ari’ee paartiin biyya bulchu ofii isaaf filannoo akka fedhe godhe jedhan. Uummati keenya waan nu filateef jecha bakka taajjabdoonni xiqqoon hafanitti illee korojoo filannoo humnaan nu saaman jedhan. Shawaa lixaa aanaa Misaa qanyii keessatti hookkara ka’een humnoonni poolisii nama Giddiisaa Camadaa jedhu lubbuun darbuu illee ibsanii jiran. Bulchaan aanaa Sanaa obbo Magarsaa Gurmeessaa garuu namni tokko madaa’ee mana yaalaatti ergamuu isaa irraan kan hafe lubbuun isaa hin dabarre jechuun haalan.

Kanneen biroon madaa’uu isaanii illee mormitoonni himatanis kana quba kan hin qabaanne ta’uu isaaf oduu kijibaa ti jedhan obbo Magarsaan.

XS
SM
MD
LG