Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchootii USA dargaggoota leenjii YALI Amerikaatti qopheessan dhufaniin waan barattaniin ummata gargaaraa jedhanii nagaa dhaamatan


Obama African Leaders Initiative
Obama African Leaders Initiative
Me tanallee caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:57 0:00
Xurree marsariitii

YALI(Young African Leadership Initiative) bulchiinsii perzidaanti Obaamaa dargaggoota Afrikaa egerii biyya bulchuu dandahan jedhee gama gamaa walti filee leenjisaa bahe.

YALI 2015
YALI 2015

​Sagantaan YALI bara 2010 keessa bulchiinsii perezidaanti Obaamaa dargaggoota Afrikaa,ogummaa fi dandeetti akka akkaa qaban hujiin isaanii nama hedduu fakkeenna taate wal barsiisuuf,huji isaanii wal agarsiisuu fi waan barataniin biyya gargaasisuuf jalqabe.

Moritaaniyaa
Moritaaniyaa

Bara 2014 keessa ammoo caasaan kun biyya Afrikaa hedduu gahee ijoollee 500 Afrikaa keessaa filanii akka biyya bulchan, akka dinadee guddisan,akka dubratii gargaaranii fi waan hedduu irratti wabarsiisan.

Itiyoophiyaa
Itiyoophiyaa

​Leenjiin torbaan jahaa tun dargaggoota tana yuniverstii,biirolee mootummaa,dhaabbilee motummaa hin tahinii nama gara garaatiin walti fiddee wal irraa wa barsiifti.

Bulchootii Amerikaa dargaggoo tana waan hedduu jedhaniin jajjabeessan.

Naayjeeriyaa
Naayjeeriyaa

​Perzidaanti Obaamaan dargaggoota tanaan ammoo, “isaniin cuftii jabeenna Waaqii isaniin uumetti jiraa jabeenna keessan ufi keessa barbaadaa.”

CAR
CAR

​Aadaa hamaamtuu perzidaanti Obaamaan baduu malte jedhe “dargaggota Afriakatit hime,niiti dhaanuu,ijoollee dubraatii dhaqanqabaa qabuu,abbootiin teessan hojjattullee tun aadaa hamtuu,dubraa butuun aadaa hamtuu…”

Itiyoophiyaa
Itiyoophiyaa

​Itti aantuun itti gaafatamtuu ministera haajaa alaa damee Afrikaa, Linda Giriin Fiilda ammoo,“isan bulchoota boriiti mitii isan bulchoota hardhaati.”

Cape Verde
Cape Verde

​Richaard Stengel itti aanaan minsitera haajaa alaa damee ummataa ammoo, “jireennii Nelson Maandellaa waan hedduu nu barsiisee biyyiti isan eegati waan barattaniin biyya barsiisaa.”

Liindaa Giriin Fiild tana maleellee, “yoo imaltuuf Afrikaa irra maru,wal agarraa, akka waan barattan, muuxannoo argattaniif leenjii tana ummataan gargaaran isan irratti arguu feennaa deemaa biyya jijjiiraa.”

“Warrii dhufe ammoo Afrikaatti Afrikaan wal mari’ate,dandeetti teenna wal irratti agarre,laafinnaa fi jabeenna keenna beenne, wallaala keenna hubanne,” fi waan akka akkaa ufiin jedhe.

Wannii sagantaan YALI jedhan ka maqaa perezidaanti Afrikaa Kibbaa ka durii Nelson Mandellaatiin moggaasaniif akka ijoolleen dargaggoo kun fkn Maandellaa irraa waaan heddu baratan tolchuuf.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG