Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Dararaan Dhuma Hin qabne Kan Uummmata Oromoo Raaw’atamu Itti Fufe”


Paartiin aangoo Mootummaa harkaa qabu - IHADEG filannoo Itiyoopyaa Caamsaa keessa geggeeffame guutummaatti injifadhe eega jedhee boodaillee dararaan dhuma hin qabne kan uummata Oromoo irratti raawwatamu itti fufee jira - jechuudhaan Liigiin Mirga Dhala-namaa Gaanfa Afriikaa ibsa baasee jira.

Liigiin kun ibsa wixata, Hagayya 31 baaseen, dararaan, doorsisi, hidhaan seeraan alaa fi ukkaamsanii butuun uummaticha irratti raawwatamu naannoo Oromiyaa keessatti ittuma fufee jira jedha.

Maqaa namoota hidhaman jedhe afurtamaa fi fi bakka jireenya isaanii illee ibsa kana keessatti tarreessee, kanneen dhimmi kun isaan yaaddesse akka mootummaa biyyattiif iyyata dhiyeessan gaafatee jira.

Gabaasaa Liigiin Mirga Dhala-namaa Gaanfa Afrikaa guyyaa lama dura baase irratti mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa deebii argachuudhaaf carraaqqiileen haga ammaatti gone hin milkoofne.

Waa’ee gabaasaa kanaa Obbo Gaaromaa Waaqasaa, hoogganaa Liigii Mirga Dhala-namaa Gaanfa Afrikaa waliin gaaffii fi deebii geggeessine guutummaa isaa dhaggeeffadhaa.

XS
SM
MD
LG