Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Araarri Jireenya Itiyoopiyaa fuulduraaf barbaachisaa dha"


Kora Waldaa Qorannoo Oromoo, ka waggaa kanaa as Waashington Diisii, Hawaard Yuniversitii keessatti geggeessame irratti waraqaalee qorannoo dhihaatan keessaa tokko waa’ee barbaachisummaa araaraa Itiyoophiyaa keessaa fi akkamitti deemsi araaraa hojiitti jijjiiramuu danda’a? ka jedhutti ka fuuleffate ture. Naannawa Waashington ka jiru Yunivarsitii Waashington fi Lii keessatti, Ogeessa seeraa fi qorataa Fooyaana sirna Haqaa ka ta’an Obbo Henook Gabbisaa tu qorannaa kana dhiheesse.

Waahiloota isaanii ka biroo waliin akka dhimmuma araaraa kana irratti kitaaba barreessaa jiran ka dubbatan, Obbo Henook Gabbisaa, “Itiyoohiyaa keessatti nageenyii fi tokkummaan waaraa akkaumamu yoo barbaadame, deemsa araaraa jalqabuun barbaachisaa dha. Kana gochuuf immoo qaama biyyattii keessatti aangoo qabu mootummaa haala itti hojii irra oolfamu miijessuu qaba” jedhu.

Seenaa Itiyoophiyaa keessatti, miidhamtoonni Ummata Oromoo fi Uummatoota, sabaa fi sablammoota Kibbaa akka ta’e dubbatanii, “kanaaf ragaaleen seenaa qabatamoo ta’an qoratamanii, qaama mootummaatiin sirna barnootaa biyyattii keessa galfamuu qaban. Kun haal-duree isa tokkoffaa dha” jedhu. Kanneen dhugaa jiru kana haaluun dubbatanii fi barreessanis, seerri sirreessuu fi adabu tumamuu akka qabu ille dubbatu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:42 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG