Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pope Fraansis fi Prezidaant Obamaan keellaa White House keessatti haasaa dhageessisan


Pope Fraansis
Pope Fraansis

Pope Frances addunyaan seenaa keessaa yeroo akkaan yaaddessaa keessa jirti waan ta’eef United States akkaataa qilleensi itti jijjiiramaa jiru suuta akka jedhu gargaaruuf tarkaanfii akka fudhattu haasaa har’a dhageessisaniin gaafataniiru.

President barack Obamaan Hooggantichi amantii kaatolika Roomaa har’a ganama guyyaa bareedaa yeroo birraatti keellaa White House keessatti simannaa ho’aa godhaniifii jiru. Lammiiwwan Ameerikaa fi uummati addunyaa mara keessa jiran dachee kanaaf kunuunsa gochuuf itti gaafatamni guddaan akka irra jiru itti walii galaniiru.

Presidentichi fi pope Fraaansis lamaanuu sirna simannaa daawwannaa hoogganticha amantii kaatolikii kanaaf qophaa’e irratti haasaa dhageesisaniiru. Haasaa harka walitti rukutuu uummataa kuma 15 ta’u kan keessummoota keellaa White House keessatti afeeramaniin addaan ciciitaa tureen nagaa walii walii isaanii gaafataa turan.

Jamaan simannaaf wal ga’e ka biroon immoo fagoo irraa mul’uu popechaa eeggataa ture. Guyyaa bareedaa Waaqayyo uume attamii ti jechuu dhaan ergaan pope Fraansis kan jaalalaa fi abdii namoota hedduu biyya keenyaa fi naannoo addunyaa jiran jajjabeesse jedhan Obaman.

Prezidaant Obaamaaf Pope Fraansis keellaa White House keessatti
Prezidaant Obaamaaf Pope Fraansis keellaa White House keessatti

President obamaan Maanguddoo umurii 78 Popechatti fuula deeffachuu dhaan galateeffataniiru. Gammachuun daawwannaa keessanii kun kan madde qooda isiin akka hoogganaa amantiitti qabdan utuu hin taane akka nama dhuunfaatti amala filatamaa isin qabdan, Garraamummaa, gaarummaa jechootaa fi arjummaa hafuuraa isin qabdaniif jedheen amana jedhan.

Akka ilaalcha Waaqayyootti nuti akka namoota dhuunfaa fi hawaasaatti qabeenyaa, aangoo, bakka jirru ykan beekamuu keenyaan utuu hin taane sagalee isaa keessa kan jiru hiyeeyyii fi yaaduu fi haqaa fi dhaabachuu akkasumas qixxummaa dhabamsiisuu jedhu nu yaadachiistan jedhan Obamaan.

Haasaan Obaamaa baqattoota dachee waraanaan butute irraa baqataa jiran, walabummaa amantii fi itti gaafatama dachee kana kunuunsuuf jiru irratti fuuleffate. Wal abam wal amantaa dhabiinsa kurna hedduu booda tattaaffii Pooppichi Ameerikaa fi Kuubaa walitti fiduuf godhan illee galateeffataniiru.

Walitti bu’iinsa lubbuu galaafatu balaaleffachuuf jechoota jajjabeessu isin dubbataniif galata qabdu kan jedhan Obamaan uummati waraana akka mormuuf rakkoo jriu marii dhaan akka hiikue waamicha gootaniif galatoomaa jedhan.

Obaamaan itti fufuu dhaan uummati walaba ta’uu kan danda’u amantii isaa walabummaan ennaa shaakalu qofa. As United States keessatti nuti walabummaa amantii ni kabajna garuu jedhaan.

Naannoo addunyaa keessaa yeroo kanatti ijoolleen Waaqayyoo kirstiyaanota dabalatee sababaa amantii irratti fuuleffatamee ajjeefamu. Amantoonni bakka sagadaatti akka wal hin geenye dhorkamu, kanneen amantii isaaniif amanaman mana hidhaatti darbamu, manneen sagadaa manca’aa jiru.

Kanaaf walabummaa amantii eeguuf isiin cina dhaabbanna. Uummati martinuu amantii isaanii sodaa fi walabummaa dhaan akka geggeffatan gochuuf cina isaanii ni dhaabbanna.

Pope Fraansis achii as dhufa isaanii jechuun lammii Arjentiinaa kanneen Xaaliyaanii irraa gara Kibba Ameerikaatti godaanan jalqaba haasaa isaanii irratti tuqaniiru. Akka ilma maatii koolu galaatti biyya kana irra hedduun maatii akka Kanaan hundeeffamef keessummaa ta’uu dhufuun koo na gammachiisa. Dhiirotaa fi dubattoota biyya guddiitii kana keessaa tattaaffii hawaasi addunyaa kanneen addunyaa kana keessaa miidhaan irra ga’ee jiru gargaaruuf godhu akka deggertan fedha keessaan akka ta’un gaafadha.

Jijjiirama qilleensaa ilaalchisees haasaa dhageessianiin lammiiwwan Ameerikaa qilleensa naannoo manca’aa jiru ittisuuf tarkaanfii akka fudhatan akkasumas hiyyummaa addunyaa kana keessaa dhabamsiisuuf akka hojjetan waamicha dabarsaniiru.

Jijjiirama qilleensaa dhaloota hegeree qofaaf waan dhiifnu miti jechuu dhaan United States rakko addunyaa furuuf tattaafataa jirti tattaafachuus akka itti fufutu gaafatanii dhuma irrattis Waaqayyo Ameerikaa haa eebbisu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG