Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addisuu Karrayyuu Imaltuuf Amerikaa Jiraa Asumaan Istuudiyoo VOA-tti Gore


Weellisaa Addisuu Karrayyuu
Weellisaa Addisuu Karrayyuu
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:45 0:00
Xurree marsariitii

“Gannii ke hagam jennaan” tapha fakkeessee “Weellisaa ganna hin gaafatan Alii Birraatti mufataa,” jedhullee abbaa ijoollee lamaati.

Addisuun bara 2003 keessaa sirbuuf afaan baqaffate.Jireenna Oromoo karrayyuu sirbaan agarsiisuuf sirba isaan horiin faarsan Karrayyuu jedhee baase.Achumaan Addisu Karrayyu jehdan malee abbaan isa dhale Mengistuu.

Adoo akkanuma sirbuu CD afur baase CD afreessoo irratti ammoo ulfinnaa fuudhaa sirbaan agarsiisuuf “Laga tokkoo waraabee, jedhee fuudhaa fi ulfinna isaa faarse.

Addisuu yoo qophii sirbaa dhaabii Minnoshewa Entertainment jedhuu Amerikaa godina Amerikaa akka akkaa irra maranii sirbaniif yaame dhufetti istuudiyoo keennalleetti goree waan sirba isaa nutti hime.

“Ani ijoollumma kiyyaa jalqabee gara wallee kana hin jaaladhaa, haatii kiyyas ni weellistii kanaaf maatiidhuma irraa waan dhufe fakkaataa” jedha.

Sirba CD afranuu keessatti sirbeen Oromiyaa waliin gahe. Addisuun yoo jaalalaa fi goota faarse Geelloo maqaa sirbaa baase.

Wallaggatti wallee aadaa akka itti weeddisan 3-4 jira. Gimbiitti akka biraatti weesslisaanii..gara Horrootti akka biraattii.Dambii-Doolloo fi Najjoo akka biraatti weellisan jedhee.

“Leeqaa kormee bookkisaa Borxaan nama hin ceesisuu sanyiin Abdiisaa jiraa yaaddoon diina hin raffisuu …Mandii godaan daabbusii Gidaami Jooteetti caalaa…Sayyootii Oliiqaa Dingil…Horroo Habishee naa yaamaa. Dhedheessaatti dhaammannee Coomman nama hin ceesisuu garaan waan ufii baree ormaa nama hin boossisu” jedha.

Jaalala irratti namaan wal dhabee jennaan ammoo Ati hin taatu been jedhe, “adoo sin hin beekin si jaalachuun koo na gube marrimaan koo----ufumaafin rafee ufumaafin kahee.”

Weellisaa Addisuu Karrayyuu
Weellisaa Addisuu Karrayyuu

​Yoo saba isaa faarsau ammoo Nin fedhaa ani Oromoo fedha jedhe. "Barreessaan walaloo fi yadallo kanaa Umer Alii Faaraati. Oromoon na feetii anis nin fedhaa dhiigaa fi lafeen fooniin walitti hidhaa saba jaalallii isaa hin cinne keessayin dhaladhee.”

Artiin maan jennaan,aartiin jireennaa oolmaa bultiiti keessaa oollee bulluuti “waan na fakkaata faarsaa.”

Rakkoo Master Pilaanii Finfinnee irratti dhalatee dubbachuuf ammoo “Ujummmoo isaa diimaa maal gootaa diidaa achittuu wa dhalateeraa,” jedhe.

Addisuun abbaa ijoollee lamaati, kabajaa fi ulfinnaa Cidhaa dubbachuuf …”hora bulaa jennee nuyis isan eebbifmnee,” jedhee waan hedduun eebbise.

Ilma ufii ammoo akkanaa jedhee faarse,”Dhala koo milkeessaa humna humna kiyya cabsee bahe keesaa baga naa dhalatte anatti qananiisee guddisee si boonaa.”

Addisuu Karrayyuu waan jireenna ufii,waan olmaa fi bulti ufi biratti arguutii fi waan heddyy faarsee Oromiyaa waliin gahee jedha.

Aartiin jireenna saba tokkoo waan hedduun himti ummatii aartiin waan hedduun gargaaruu malee jedha Addisuu Karrayyuu.

Waan hafe torbaan dhufu itti deebina.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG