Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pope Francis sirna sagadaa guddicha Kaatolika Roomaa kan Washington jiru irratti argaman


Abunichi kaatolika Roomaa Pope fransis kaleessa galgala as Washington keessatti ennaa simatamanitti sagaleen bilbilaawwan manneen sagadaa dhaadannoowwan dhaga’amaa ture.

Uummati kumaan laka’amu simannaa fi lallaba isaanii dhaga’uuf waldicha kaatolika Roomaa Ameerikaa fuulleetti wal ga’ee turan.

Pope francis haasaa dhageessisaniin waldooliin Amerikaa keessaa maatiiwwan gargaarsa barbaadaniif dhaabachuuf cicha qaban nan galateeffadha jedhan.

Sirna kaleessa mana sagadaa kaatolika Roomaa guddicha Ameerikaatti geggeessameen akka amantii waldattiitti abuunii qulqulluu Junipero Serra muudanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG