Xurree ittiin seenan

Breaking News

IHADEG karoorii isaa waca torban tokkoo hin caalu jedhu momritoonni


Ibsi borumtaa gumii IHADEG jalqabee kennamanii fi gabaasaaleen sabaa himaalees kanatti fuuleffatanii jiru. Sabaa himaan mootummaa itiyoopiyaas bulchiinsa gaarii ilaalchisuun gabaasaalee ennaa dhiyeessan dhaga’amaa jiru.

Hoogganoonni paartilee hagi tokko garuu bulchiinsi gaariin qofaa isaa dhufuu hin danda’u jedhu. itti aanaan paartii Mederek Dr. Marara Guddinaa dimokraasii dhugaa fi mirgi namaa eegamuutu bulchiinsa gaariif bu’uura jedhu.

Tokko isa kaan malee jiraachuu hin danda’u. hanga ammaatti fakkeenyi jiru, biyyoonni dimokraasii wayyaawaa fi bulchiinsa gaari qaban mirga namaa kanneen kabajani ka jedhaman sirna dimokraasii hojii irra kanneen oolchani.

Kanneen kana hin qabne garuu biyyoota bulchiinsa gaarii qabaachuu hin dandeenye jedhan.

IHADEG bulchiinsa gaarii cimsuuf murannoo qabaachuu isaa dubbata. Kanas rakkoon kun sirriitti jiraachuu amanuu isaa kan beeksise gumii isaa kurnaffaa irratti ibsee jira.

Bu’uursitoota IWEHAT keessaa tokko obbo Abbaay Tsehaayyee gumii kana irratti ibsa kennaniin dhabamuun bulchiinsa gaarii uummaticha biratti komee hamaa dhaqqabsiisuu isaa ibsan.

Hundumaa dura nageenyi akka buufatu gochuun keenya, hojiin misooma keenyaa immoo irra hedduun fooyya’ina waan argamsiisaniiru. Rakkoo Bulchiinsa gaari ilaalchisee hiri’inni gidduu keenya jiru hiikuuf garuu boodatti harkifachuutu jira.

Mormitoonni garuu adeemsi bulchiinsa partii biyya bulchuu ka waarinsa qabu ta’uu shakkii qabu. Rakkoo jiru furuuf yaaluun IHADEGmtu iyyuu ni rakkata jedhu.

Mootummaan kam iyyuu jedhan Dr. maranaan gaarii hin taane ta’uu hin barbaad. Rakkoon jiru mootummaa gaarii ta’uu isa jedhu jedhan.

Bulchiinsa gaarii akka waan hin taanetti kan ilaalu mootummaan kam iyyuu hin jiru garuu bulchiinsa gaarii sana fiduudadhabuu dha kan jedhan Dr. mararaan rkkoon IHADG fakkeessuuf malee hojii irra hin oolu. Kanas akka fakkeenyaatti filannoo geggeessame irratti miseensonni isaa sagalee uummataa ennaa hatan callisuu isaa ti jedhan. Kanaaf fedhiin isaaf yaadi uummataa wal rukuta jedhan.

Kanaaf waca torban tokkoo bira hin darbu jedhan. Kanaaf IHADEG waggoota itti aanan tokkoo fi lama keessatti karoorii isaa bulchiisa gaarii diriirsuuf karoorfachuu mormitoota hin amansiisne. Mata dureen kun kan wal falmisiisuu fi yaada kanneen biroos kan barbaachisu. Paartii mormituu biroo yaadi itti dabalaa yoo jiraate fuula duratti bal’inaan ka dhiyeessu ta’uu Esinder Frew Finfinnee irraa gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG