Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taphataan Barceloonaa,Meesiin Tapha Torbaan Hedduu Irraa Dhaabachuuf Deema, Neeymaar Irraa Euro.Miliyona Hedduu Qaban


Meesii tapha hedduu dhaabuuf deema
Meesii tapha hedduu dhaabuuf deema
Tana caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:27 0:00
Xurree marsariitii

Meesiin tapha istaadiyoomii Camp Nou, keesastti Pedro Bigasii walti gufatee miilaa jala dhaaabee jiblii miliqe.

Okkolaa taphatti deebi’ullee diqiiquma 10n tokko taphatee munyuuqu dadhabee keessaa baasan.Wallaananiinii gadi deebisainillee hagaguma taphau dhuamttu achi taahe malee hin taphanne.

Tpaha sadaasaa dhufu 21 irratti Real Madrid waliin taphan irratti tapachuu fi dhibaachuun isaatuu shakkii qabdi.

Manaajerii Meesiin Luis Enrique yoo namii narraa miidhamu yoo cufa miiratti na hammaataa jedhee dubbate.

Meesiin nama dhalootaan Agentiinaa Arjentiinaati fi Barceloonati taphatu nama ganna 28.Namii kun haga ammatti goolii 400 caalaa galchee ganna dabree Euro miliyoona 20 oli mindaan argate.

Gama kaaniin ammoo mani murtii Biraazil horii taphataan kubba miila isaanii Neymaar lafaa qabu Euro miliyoona 33 fi kuma 100 irraa qabe.Manii murti kun Neymaar gibira baasu diduuf horii lafa qabu dhoffate jedhee irraa qabe.

Akka manii murtii Sao Paulo jedhutti nami kun bara 2011 haga 2013 Euro miliyoona 10 oli silaa gibira baasu male hin basin.

Maatiin isaa seera malee hori isaa irraa qaban jedhani dubbachuufiitit jiran. Neeymaarillene nama ganna 23 kilabi Barceloonaatii fi Biraazilii tapahta. Tapha addunyaa irratti beekaman keessaa tokko

FIFA

Koreen Waldaa Federeshiin kubbaa miilaa Addunyaa FIFA perzdaantii isii wanjlaan qorachuutti jirti perzdaantii Federeshiinii kubba miilaa Addunyaallee woma akkanaatti faana jira.

Koreen haqaa FIFA,Federeshiiniin Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa perezidaantii isii Sepp Bilaaterii fi perzidaantii waldaa Kubba Miilaa Awurooppaa,Maaykil Pilaatiinii biyya dorgommi addunyaa gugurdoo qopheessan irrAA hori nyaatanii qopheessisiisanii jedhani qorachuutti jirti.

Jara kana abbootii alangaa addaa Swiss himachuutti jiran.Irratti walii galanii jennaan dhiyoottu hujii irraa dhaabu fa dandahan.

Pilatiinii huji irraa dhaaban jechuun ammoo dorgommi perzdaantii FIFA tahuuf innii itti jiru tanallee hanqisu dandeetti.Pilaatiinii doolara miliyoona lamaa fudhatee jedhanii

EPL fi Afrikaa

Ijoolleen Afrikaa kilabii EPL Keessa taphatan heddachaa dhufumatti jiranii Fulbaana kana isuma nama 45 gahan.Dorgommi EPL, English Premiere League 2015/2016 eegii jalqabanii torbaan torba keessa jirani haga ammaatti goolii kurnya heddutti gale.

Goolii Fulaaba gara jalqabaa galchan 30 keessaa sagal ijoolee Afrikaa bitaanitti galcheef.EPL duruu ijoollee hedduu Afirkaa bitatte. Fulbaanaan duubatti ammoo nama hedduutti itti dabalama.EPL keessaa ijoolleen Afrikaa bitatan 45 taphachuutti jiraa jechuu.

Itoophiyaa fi Botiswaanaa

Gareen Kubbaa miilaa Itoophiyaa akka perzdanatii federeshishii jedhuutti dorgommii shaampiyoonaa Afrikaa CHAN, fi Waanca Afrikaa ufi qophesumatti jiranii dorgommii hariyummaatiif ammoo bori Botswanaa yaahuuti jirraa jiran.

Chaampiyoonaa Afrikaa ganna dhufuu, waancaa kubbaa muulaa Afrikaa ka ganna lamaan duubatti taphatan fa.

Leenjisaan haraarahii Waaliyaa akkamitti kilabii tanaan walti jiran?Waaliyaa abdii qabdi?

perezdanatiin Federshiini kubbaa miilaa biyyooleessaa Juneddiin Bahsaa ammoo “jalqabaii badaa hin fakkaatu.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG