Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan Itiyoopiyaa haaraan hojii jalqabuuf jira


paarlaamaa Itiyoopiyaa
paarlaamaa Itiyoopiyaa

Filannoo bara 2007 booda kan hundeeffamu manni maree bakka bu’oota uummataa Itiyoopiyaa wiixata dhuftu wal ga’ii isaa duraa geggeessuuf jira.

Erga mootummaan Dargii kufee qabee yeroo jalqabaaf barcumni paarlaamaa 547nu paartii tokkicha qofaan dhuunfatamu.

Boqonnaa yeroo gannaa booda manni maree bakka bu’ootaa Itiyoopiyaa hojiitti deebi’uuf qophee irra jira. Wiixata dhuftu hojii jalqaba jedhamee kan eegamus filannoo bara 2007 booda kan hundeeffamu paarlaamaa isa haaraa dha.

Gareeleen mormituu irra jireessi filannoo hin simanneen kan injifate kaadhimamtoonni IHADEGs sabaa himaan utuu hin hafin waamichi godhameeraaf. Barcumni paarlaamaa 547nu IHADEG qofaan ennaa dhuunfataman erga mootummaa ce’umsaa as isa jalqabaa ta’a. wiixata dhuftu kan geggeessamu wal ga’iin mana maree bakka bu’oota uummataa fi kan mana maree Federeeshinii ta’uun beekameera.

Afaan yaa’ii fi itti aanaan isaas wal ga’ii kana irratti filatamuuf jiru. : Muummichi ministeeraa H/Maariyaam Dassaaleny waggoota shanan itti aananiif aangoo irra kan turan ta’uun ni beeksisama jedhamee kan eegamus mana maree kanaaan ta’a. Muummichi ministeerichaas Kanaan booda Kaabinee isaanii haarawaa kan ifa taasisan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG