Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addisuu Karrayyuu:Gaafa Qeerroon Fuudhu Harooressa Boroo Dhaabaniif---Haaraa Horee Jedha Warrii Keenna


Weellisaa Addisuu Karrayyuu
Weellisaa Addisuu Karrayyuu
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:52 0:00
Xurree marsariitii

Gaafa qaraa sirbee Karrayyuu jedhee sirbee sirba ijoolleen dargaggoo Karrayyuu galgalaa horii faarsaa,wal wallaalan sirbe.

Jireenna Oromoo karrayyuu sirbaan agarsiisuuf sirba isaan horiin faarsan Karrayyuu jedhee baase.Achumaan Addisu Karrayyuu jedhanii moggaasan.

“Karrayyuun baayyee hawaasa ani jaaladhuudhaa, hawaasa jaalala beekuu, hawaasa kanaaf gumacha guddaa godhuuf tattaaffachaachuman jiraa.”

CD isaa ta qaraa Karrayyuun moggaasee ta dhumaa ammoo CIDHA jedhee kabajaa fi ulfinnaa, fi jaalala fuudha keessa jiru sirbe.

“Laga tokkoo waraabee,qori tokkotti yaamee,” jedhee sirbee fuudhaa fi ulfinna isaa faarse.

“Abbaa tahuun baayyee ulfaataa,jaalala maatiin kiyya naaf qabuu ilmo kiyya irratti beekee,gaahelii waa hedduu irraa sidaangessaa waan hedduuf ammoo akka ati qabsooftu sigodha.”

Fuudhaan maan jetta jennaan fuudhii yoo qeeroon itti misuu, “haaraa hora jedha warrii keenna,gaafa qeerroon fuudhu muka Harooressaa boroo dhaabaniif kophummaan kaleessaa raawwateeraa jechuu.”

Sirba baranaatii fi ka bara durii yoo walbira qabdu maan jetta jennaan:

“Dhalootii bara kamittuu ergaa qaba.siraba durii yo dhageeffattu albeemii isaa guutuu dhaamsa innii hawaasaa qabu dhageffatta,sirbaa Alii Birraa ykn Nuhuu Goobanaa TV argee hin binne ergaa isaanii dhagaheetan barbaadee bite. Dhaloonni ergaa isaani sirriitti dhaamuu qaba.”

Aartiin maal jetta jennaan:

“Anaaf aartiin jaalala,anaaf aartiin dinagdee,aartiin anaaf siyaasa,aartiin anaaf waan hunda.Haala kami keessaatuu yoo ilaaltu misaayila jabaa caala,aartiin baayyee humna qaba,sabnii aartii hin qamne sabaa hin tahuu,” jedha.

“Mullata keessan ufi keessatti hin dhaamsinaa aartii aafanai aadaa hawaasa keessani guddisaa.”

Ijoollee jalaa oli dhfutu ta aartiin guddachuu feetuun maan jetta jennaan:

"Dhaamsii guddaan ani qabu nu ispoonserallee dhabnee yeroo asi geennetti jiraa jabaadhaa,mullata keessan ufi keessatti hin dhaamsinaa."

Addisuu karrayyuu waan aartii Oromoo rakkisuutti jiru keessaa tokko COPY RIGHT,hujii weellisaa akkuma fedhan jalaa baayyisanii gurugruu ykn laaffisuutti mullataa jedha.

Akka kun hin taane hawaasii nama aartii jabeessuu qaba. “aadaa fi seenaa ufii guddisuuf aartii jabeessuu qabaa.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG