Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammii ofiif lammiitu Iyya jedhu lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Iraq


Hawaasi Yazdi jedhaman Iraq konyaa Nineveh keessa kan jiraat sab xiqqaalee gosoota amantii tokkoo ti. Waggaa darbe ennaa loltoonni IS gosoota Yazidi kanneen kumaan lak’aman gara gaarreen Sinjar-tti akka baqatan dirqisiisan waa’een isaanii qalbii addunyaa hawate.

As US kutaa Nebraska magaalaa Lincoln keessa kan jiraatu hawaasa guddicha warra Yazidi jedhaman sochii tokko jalqaban. kan umuriin waggaa 26 Laila Hoh-DAY-dah uummata ishee kanneen Iraq gama kaabaa keessatti dararamaa jiran gargaaruuf sochii jalqabame kana hoogganti

Waldaan hojjettoota hawaasa Nebraskaa baatii kana Laila Hoh-DAY-dah kanaa gochuun uummata addunyaa biroo keessa jiraniif falmuu isheef lammii waggaa kanaa kan hojii ol aanaa hojjette gochuun beekkannaa kenneefii jira.

Hiriyaa ishee kan taate hojjettuun hawaasaa ka biroonChristie Abdul cicha isheen dhimma gosoota Yazidi gargaaruuf qabdu na ajaa’ibe jettetti.

Waa’ee iddoo sanatti ta’aa jiru ilaalchisee gara laafinni isheen qabdu baayee kan namaj ajjabeessu jetti hiriyaan ishee kun.

Laila Hoh-DAY-dah ijoollummaa ishee qabee as Ameerikaa kutaa Nebraska magaalaa Lincoln keessa haa jiraattu iyyuu malee erga maatiin ishee hoogganticha abbaa Irree Iraaq duraanii Saadaam Huseeniin dararaa biyyattii keessaa baqatanii booda mooraa baqattoota Syria keessatti guddatte.

Ofii koo haala wal fakkaatu keessa waanan jiraadhee beekuuf dhimma Yazidi waliin miirri koo akkaan wal qabatee jira jette.

Lailan ijoollee durbaa gosoota Yazidi kanneen ISn iggitamanii quunnamtii saalaaf diraqisiisaman keessaa haga tokko lakkoobsa bilbila isaanii harkaa qabdi. Keessumaa kan ishee tokkoo sirriitti yaadatti.

Dubartootaa fi ijoollee Yazidi 40 kanneen biilsa gokko keessatti iggitaman waliin turte. Loltoonni ISIS dhufanii ijoollee durbaa tokko tokkoon fudhatu jettee natti himte. Durboota Yazidi kana gad baraaruuf yaaliin United States fi biyyootii ka biroon godhame hin milkoofne.

Guyyaa tokko ennaan bilbilu obboleettii isheetu bilbila kaase. Isee dhuman kana dura itti dubbataa ture se’een maqaa isheetiin waame. Isheenis miti. Ani obboleettii ishee ti naan jette. Obboleettiin koo kaleessa loltoota ISIStti gurguramte naan jette. Dubartoonni hagi tokko miliquu danda’aniiru, garuu dubartoota kanneen utuu miliquu yaalanii qabaman irra dararaan gar’u hamaa dha.

Dubartiin tokko miliquu yaaltee qabamte. Deebisanii fiduu dhaan miilla ishee lamaan irraa muran jetti Lailaan.

Karaa garee Laila Hoh-DAY-dah fi lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Yazidi kanneen biroo waggaa darbe hundeessaniin dubartootaa fi ijoollee durba lammiiwwan Yazidi kuma sadiitti tilmaamanii fi harka hamaa kan IS jalatti dararamaa jiraniif gargaarsa gochuu kan itti fufutu ta’uu Lailan beeksistee jirti.

Hawaasi Yazidi Nebraska keessa jiraatu jireenya gammachuu qabu ka jiraatu fakkaatus dararaa uummata isaanii kan biyya isaanii keessaa garuu irraanfachuu hin danda’an. Addunyaa kana irratti waanti hamaan dhufe yoo jedhame kan akka ISIS jira jennee hin yaadnu jedhu lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Yazidi kun.

Hawaasi Addunyaa durbootaa fi dubartoota kanneen gabrummaa quunnamtii saalaaf garee ISISn qabamanii jiran kana baraaruu akka nu gargaaru gaafanna kan jedhan lammiiwan Yazidi kun rakkoon godaantummaa, fi baqattummaa addunyaa irraa tarii rakkoo yeroofii ta’uu mala kan warra Yazidi garuu ISIS achuma hawaasichia keessa waan jiruuf dhaabbataa waan ta’eef ilaalchi itti kennamuu mala jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG