Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoonni miseensa gamtaa Awrooppaa baqattoota kuma 160tti tilmaaman qubsiisuuf walii galan.


Godaantotaa fi baqattoota garba Mediteraaniyaan irraa
Godaantotaa fi baqattoota garba Mediteraaniyaan irraa

Biyyoonni Awrooppaa andaara galaana Mediteranian jiran keessumaa Xaaliyaanii fi Girikiin erga waraana addunyaa lammaffoo qabee namoonni hedduun qe’ee ofii irraa buqqa’anii fi godaanan yeroo rakkoon addunyaa mudatu biyyoota simannaa godhan kan jalqabaa ti.

Kanaaf jecha biyyoonni miseensota gamtaa Awrooppaa 28 godaantota kuma 160tti tilmaaman biyyoota miseensa ta’an keessa qubsiisuuf walii galaniiru. Waggoota lamaan itti aanan keessa Giarikii fi Xaaliyaanii keessa kan turan baqattoonni fi godaantonni kan dhimmi isaanii fudhatama argatee fi kanneen dahata siyaasaa gaafatan ta’a.

Biyyoota andaara galaanaa jiran kana irraa godaantonni fi baqattoonni biyyoota ka biroo keessa akka qubatan gochuuf biyyoonni miseena gamtaa Awrooppaa waliin ta’uun itti gaafatama isaanii akka ba’an tattaaffiin jalqabamee jira. Jarmayaa baqattoota kan tokkummaa mootummootaatti dubbi himaan Awropa gama kibbaa Karlaataa Saamii baqattootaa fi godaantota kana qubsiisuuf karoorri jiru baatii dhiyoo keessa simannaa kan argate ta’uu beeksisaniiru. (

XS
SM
MD
LG