Xurree ittiin seenan

Breaking News

Marii muummicha ministeeraa Itiyoopiyaa fi Mormitoota


Muummicha Ministeera Itiyoopiyaa Haaylamaariyaam Dassaaleny
Muummicha Ministeera Itiyoopiyaa Haaylamaariyaam Dassaaleny

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Obbo Haile-mariam Dessaalenyi, paartiilee mormitootaa waliin walga’iin geggeessan keessumaa, karoora guddinaa fi transfoormeeshinii lammataa ilaalchisuun ka qopheessame ture. Sababaan isaa kanas tahe sana, waltajjiin kun waltajjii hooggnaan biyyaa, kan Itiyoophiyaa kallattiidhaan paartiilee mormitootaa waliin kallattiin dubbatan ka jalqabaa ta’ee jira jedha gabaasaan keenya. Gaaffiilee paartiilee mormitootaa irraa dhihaatan, xalayaadhaan malee akkanatti kallattiidhaan dhaggeeffatanii hin beekan. Ka magaalaa Finfinnee jiru Galma Koomishina Dinagdee Afrikaa, ka Tokkummaa Mootummootaa keessatti walga’ii geggeessame irratti kanneen argaman baay’een isaani, miseensota mana-maree paartiilee polotikaa biyyoolessaa ti.

Kanneen keessaa tokko Prezidaantin “Raa’iyi Party” yokaan Paartii Abbaa-mul’ataa jedhamuu Obbo Tashaalee Sabroo “Waltajjiin akkanaa kun, ka paartiileen mormitootaa martinuu gaafataa turan. Eega gaaffiin isaa dhihaatee waggoota kduanii booda, ajandaan dhufe kun akka salphaatti kan argame miti. Paartii mootummaa fi mootummaa waliin yoo hin dubbanne, eenyu waliin dubbanna. Bakka toletti dirnqsiifachuu, bakka hammaatetti immoo kallattiin balaaleffannaa keenya dubbachuu dha. Kana malee guutuu hin ta’u.” jedhu.

Deemsa Filannoo Itiyoophiyaa kanneen jabeessanii balaaleffatn keessaa hoogganaan Paartii EDEEPPAA Obbo Caannee Kebbedee, mormitoonni carraalee uumaman maratti gargaaramuu qaban jedhu. Walga’ii Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa waliin geggeessametti kan hirmaatan Dr. Caanneen, carraaleen akkasii gaaffiilee uummataa dhageessisuuf akka gargaaran dubbatu.

Walgaf’ii Muummichi-ministaraa Paartiilee mormitootaa waliin geggeessan kana irratti karoora guddinaa fi traansfoormeeshinii marsaa lammataa ilaalchisee, ogeeyyi dhimmi isaa ilaachisuun ibsi kennamee jira. Mormitoonnis yaada isaanii irratti kennanii jiran. “Karoorichi, kabajamuu mirga namoomaa fi dimookiraasii of keessaa qabaachuu qaba” jechuu isaanii, Obbo Tashaalee Sabroo fakkeenyaan dubbatanii jiran.

Walga’iin, paartiileen mormitootaa Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa waliin xumura torban dabre irra geggeessan kun, sabaa-himaaleen akka gguddoo hin gabaasamiin ka dubbatan hoogganoonni mormitootaa kun, “waltajjiileen akkanaa itti-fufinsaan qopheessamuun barbaachisaa akka tahe dubbatu. Paartiileen mormitootaa gara digdamaa walga’ii kanatti akka hirmaatan tu ibsame. Paartiileen mormitootaa akka Medrek, Semaayaawii fi MIAD garuu, walga’ichatti hin hirmaanne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG