Xurree ittiin seenan

Breaking News

Al Shabaabii fi Tarsiimoo isaa


Finxaaleyyii al-Shabab
Finxaaleyyii al-Shabab

Vidiyoo daqiiqaawwan 21f agarsiisameen namni unifoormii gurraacha uffatee jiru tokko loltoota afaan Swaahilii dubbataniin marfamee lakkoobsi loltootaa garee al shabab keessaa gad xiqqaachuu isaa amane. Garuu hoogganaan al shabab lammiin Kenya Ahmed Iman Ali vidiyoo sana irratti ergaa dabarse.

Yeroo meeqa duula geggeessameen obboloonni keenya sadii ykn afur Moqadishoo keessatti loltoota biyyootii adda addaa irraa ta’anii fi kanneen biyyootii gama dhiyaa irraa deggersa argatan injifachuu isaanii kan dhageenye. Eeyee ijoollee dhiiraa lakkoobsaan xiqqoo, afur ykn ja’atu sana godha. Mooraa waraanaa illee qabachuu danda’aniiru jedhe.

Waa’ee haleellaa isa kamii akka inni dubbatu garuu ifaa miti. Baatii waxabajjii keessa al Shabab haleellaa keellaa waraanaa Moqadishoo bakka angawoonni tika nageenyaa leenjii itti fudhatan irra ga’eef itti gaafatama fudhate. Xiinxalaa dhuunfaa kan ta’an Abdiwahab Sheikh Abdisamad akka jedhanitti vidiyoo haaraan kun daragaggoota aariin guutaman irratti waan fuuleffate fakkaata.

Namtichi kun hamilee loltootaa kakaasaa jira. Dhugumatti injifatamuu isaanii amaneera. Loltoota isaanii haga tokko lola geggeessameen dhabaniiru. Loltoonni sun obsa akka qabaatan itti himuu dhaan injifannoon dhiyoo jira. Rakkoo kana mara dhiyootti keessaa baana jechuun hamilee isaanii kakaasuu isaa ti jedhan.

Hoogganaan qorannaa dhimma shororkeessummaa fi xiinxalaa kan ta’an Jasmine Opperman immoo kanatti walii hin galan.

Kan nuti argaa jirru al shabab akka kana duraa akka waan cimee jirutti. Yoo vidiyoo sana irraa nama dubbatu sana ilaalle waan yaada hin qabne fakkaata. Loltoonnis hafuura gaariin jiraachuu Ergaa obsa akka qabaatan ennaa darbu Akka waan al shabaab humna guutuun jiruu, waan hojjetu bekuu fi balaan akka waan irra hin geenyetti dubbata jedhan.

Humnootiin naga eegumsa Keniyaa dhiyeenya duula geggeessaniin al shabaabiin bosona kenya Boni jedhamuuf hanga daangaa Somaaliyaatti bal’atu keessaa ari’anii jiran. Ajajaan waraana shabab lammii Kenya immoo lola yeroo dheeraa fudhatuuf qophee ta’uu dubbate.

Akka nuti Keniya keessa jirru quba qabu. Bosona nuti keessa jirrus beeku. Meeshaa isaanii waliin gara bosonichaa haa dhufan. Namni achi keessaa lubbuun ba’e injifannoo gonfata. Qormaati ani isaaniif kennu isa kana jedhe.

Gareen hidhata al Qaida qabu al shabab kan deggersa sadarkaa addunyaa qabu mootummaa Somalia aangoo irraa darbuuf lolaa jira. Mootummaan biyyattii immoo loltoota kuma 22 kanneen Kenya, Ethiopia, Burundi, Uganda fi Djibouti irraa ta’aniin eegumsi godhamaafii jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG