Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Itiyoopiyaa Afriikaa Kibbaa keessatti ajjeefaman


Daruban Afriikaa kibbaa keessatti lammiiwwan Itiyoopiyaa ZENOPHOBIA kan jedhamu jibbiinsa namoota biyyootii alaa dhufan irratti geggeessamuun ajjeechaan irratti raawwatamee jira.

Jibbiinsa irraan kan ka’e lammiiwwan Itiyoopiyaa irratti kan raawwatamu reebichaa fi saamicha irra darbee lubuun utuu jiranii beenzina itti firfirsuun gubamuu isaanii kanneen ijaan argan dubbataniiru.

Hojii daldala dhuunfaa irratti bobba’ee hojjetaa kan jiru Yoonaas Fiqiruu VOAf akka ibsetti ZENOPHOBIA ykn namoota bakka biroo dhaa dhufan irratti jibbiinsa oofamuun kan ajjeefaman lammiiwwan Itiyoopiyaa Afooshaa naannoo sanatti hundeeffameen reeffi isaanii gara Itiyoopiyaatti ergamee jira.

Dhuma irratti ibiddaan gubamee kan du’e kan umuriin waggaa 24 reeffi Beyenee Lereeboo biyyatti ergamuuf qophee irra jiraachuun ibsamee jira.

Namoonni du’an kun eeyama jireenyaa Afriikaa Kibbaa keessaa jiraachuu kanneen qaban. Dhimma isaa poolisii Durbanitti biisisnus hanga yoonaa kan nu dhaggeeffate hin arganne jechuun jiraattonni kun ibsanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG