Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Itiyoopiyaa ja'a Afriikaa Kibbaa keessatti ajjeefamuu jiraattonni gamasii dubbatan


South Africa's flag
South Africa's flag

Daruban Afriikaa kibbaa keessatti lammiiwwan Itiyoopiyaa ZENOPHOBIA kan jedhamu jibbiinsa namoota biyyootii alaa dhufan irratti geggeessamuun ajjeechaan irratti raawwatamee jira. Addusuu Ababe jiraattota Afriikaa kibbaa keessaa haasofsiisuun gabaaseera. Tujubetu dhiyeessa.

Jibbiinsa irraan kan ka’e lammiiwwan Itiyoopiyaa irratti kan raawwatamu reebichaa fi saamicha irra darbee lubuun utuu jiranii beenzina itti firfirsuun gubamuu isaanii kanneen ijaan argan dubbataniiru.

Hojii daldala dhuunfaa irratti bobba’ee hojjetaa kan jiru Yoonaas Fiqiruu VOAf akka ibsetti ZENOPHOBIA ykn namoota bakka biroo dhaa dhufan irratti jibbiinsa oofamuun kan ajjeefaman lammiiwwan Itiyoopiyaa Afooshaa naannoo sanatti hundeeffameen reeffi isaanii gara Itiyoopiyaatti ergamee jira.

Dhuma irratti ibiddaan gubamee kan du’e kan umuriin waggaa 24 reeffi Beyenee Lereeboo biyyatti ergamuuf qophee irra jiraachuun ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG