Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan mootummootaa haala hookkara Burundii Keessaatti ilaalcha haa kennu jedha Human Rights Watch


Garee Mirga Dhala-namaaf falmu – Hiyuumaan Raayits Wachitti, directorri dhimma Tokkummaa Mootummootaa fi falmaa rakkoolee biyyootaa – Filipp Bolopiyoon, dhaabbatichi sadarkaa Addunyaa haga hookkarri Burundii to’annaa dhaa ala ba’utti dhimma kana taa’ee eeguu hin qabu – jedhu.

Gama biraatiin, Golli Naga-eegumsaa, ka Tokkummaan Mootummootaa, yeroo hookkarri Burundii dabalaa deemee fi haalli akka ajjeechaa duguuginsa sanyii bara 1994 Riwaandaa keessatti ka’ee ta’uutti deemuu mala – jedhamee sodaatametti, kaleessa, dhimma sana irratti mari’achuuf walga’ee ture. “Tokkummaan Mootummootaa, lammiwwan Burundii maratti mallattoo akeekkachiisa jabaa erguu qaba” – jedhu Mr. Bolopiyoon.

Gurmuuleen mirga dhala-namaa akka Barreessaan Muummichi, ka Tokkummaa Mootummootaa balaa hamaa Burundii keessatti dorrobaa jiru kana oolchuuf tarkaanfii hatattamaa fudhatan gaafataa jiran – ka jedhan Bolopiyoon, kunis jila addaa, ka Tokkummaa Mootummootaa Burundiif reguu fi haala itti humni Poolisii, ka sadarkaa Addunyaa gara Burundiitti, keessumaa gandeen hookkaraan baay’ee miidhamaniitti erguu faa akka of keessaa qabu dubbatan.

Ministarri Dhimma-alaa, ka Burundii immoo, Kaleessa, biyyi isaanii gara hookkara hamaatti akka deemaa hin jirretti dubbatan.

Kaleessa, Quunnamtii Konnferesii Viidiyootiin, magaalaa Bujumburaa irraa walga’ii Gola Naga-eegumsaa, ka Tokkummaa Mootummootaa sanaaf kan ibsa kennan – Aleen Nyaamaatiwee, “walumaa-galatti haalli jiru tasgabbaawaa dha. Lammiwwan nagaadhaan deddeemaa jiru” jedhan.

“Gandeen haga tokko keessatti qofa gochaan yakkaa raaw’atamaa jira” ka jedhan – Ministarri Dhimma-alaa Burundii kun, ka jilli Gamtaa Afrikaa hookkarri Burundii keessaa magaalaa Bujumburaa irra dabree babal’achuu isaa ibsuun yaadddoo isaanii dhageessisan hin simanne.

Jilichi Gamtaa Afrikaa sun, ibsa Gola Naga-eegumsaa ka Tokkummaa Mootummootaaf ibsa kennaniin, “hookkarichi hammaataa deemuunii fi dhiittaan mirga dhala-namaa jajjjabaan biyyattii keessatti raaw’atamuun, akka lammiwwan Burundii kuma dhibba lama ta’an gara Taanzaaniyaa, Riwaandaa, Ugaandaa fi Rippubilikii Dimookiraatawa Koongootti dheessan taasisee jiran – jedhan.

Akkasumas, jechawwan hookkaricha daranuu belbelsan, kan aangawoota Mootummootaan dubbatan ittiin jedhan ilaalchisuunis akekkachiisanii jiran - jilichi Gamtaa Afrikaa.

“Haala biyyattiin keessa dabartee irraa kan ka’e, jechoonni akkanaa ka fudhatama qaban miti” jedhu – Antoniyoon.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG