Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Guyyaa Galataa ‘Thanksgiving’ Qophii Akka Akkaatiin Kabajatte, Nagumaan Dhumateefillee


Guyyaa Galataa,Thanksgiving Day USA
Guyyaa Galataa,Thanksgiving Day USA
please wait

No media source currently available

0:00 0:18:47 0:00
Xurree marsariitii

Sadaasaan 26,2015 Amerikaaf Guyyaa Galataati.Guyyaa maatii,dhalaa fi hariyaa, firaaa fiixaan walti dhufanii waliin oolani nyaatani waliin dhugan. Nama miliyoona hedduutti tanaa jedhee karaa yaa’a.

APTOPIX Thanksgiving
APTOPIX Thanksgiving

​Manneen amantii akka akkaa, dhaabbilee gara garaa guyyaa akkanaa kana tolaan nyaataa fi dhugaatii namaa qoodan.

Dhaabbileen gara garaa ammoo suuqii isaani keesaa mi'allee gatii laaftuun gurguran.

Guyyaan kun, Thanksgiving tana maleellee guyyaa dhaabbilee daldala Amerikaa mi’a hedduu itti gurguranii fi qophiin gara garaa jirtu.Biiroleen mootummaalleen cufaa oolan.

Perezdaanti Obaamaalleen guyyaan kun ka amalaa fi seenaa Amerikaan nama biyya isiitti dhufu nagaan keessummeessitee egeree isaanii qajeelchituuf itti qaabannu jedhee “Guyyaa Galataa fi Gammacuu Isanii Haa Tahuu,”jedhee dubbate.

Saashaa,Obaamaa fi Maliyaa qophii Thanksgiving irratti
Saashaa,Obaamaa fi Maliyaa qophii Thanksgiving irratti

Tana maleellee guyyaa kanatti Obaamaan amala Amerikaan nama biyya alaatii itti dhufu qubsiisuuf qabduu fi warra ufi bira dabree onaa fi ollaa, biyya gara garaa gargaaru galateeffate.

Guyyaa akkanaa kana foon namii hedduun nyaachuu amaleeffate (Turkey) Simphirree guchii fakkaattu. Gama kaaniin perzdaanti Obaamaan hojjatootii nagaa Amerikaa naga biyyaa eeguu ummatii ammoo mirgaa bitaa ufi eegachaa guyyaa gammachuu akka qabaatu dhaamte.

Guyyaa galataa kana ganan dhibba hedduutiin duratti Indiin durii Amerikaa qubatan yoo midhaan galfatan walti dhufanii Turkii qalatanii wal yaamanii waaqa ufii waliin galateeffatan.

Thanksgiving guyyaan gargar gorullee USA fi Kanaadaa fi biyya akka akkaa keessatti ulfeessan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG