Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Oromiyaa Keessaa Babal’ataa Deeme Irratti Lakkoobsi Namoota Ajjeesamanii Dabaluu tu Dubbatama


Oromo Protests
Oromo Protests

Hoogganoonni paartii mormituu, ka Koongiresa Federaalawa Oromoo, akka jedhanitti, hiriirawwan Kamisa , Mudde 10, bara 20015 geggeessame irratti qofa magaalaalee adda addaa keessatti yoo xiqqaate namoonni digdama ta’an humnoota poolsii mootummaan ajjeesaman.

Shawaa Lixaa, aanaa Calliyaa keessatti kanneen argaman magaalaalee Geedduu fi Baabbicha keessatti walumaa-galatti namoota toorba tu ajjeesame, jedhu, ka duraan aanicha bakka-bu’uun miseensa paarlaamaa turan – Obbo Dejenee Xaafaa.

Oromo Protest
Oromo Protest

Wallagga Lixaa, aanaa Laaloo Asaabii keessatti, Arsii, magaalaa Dodolaa keessattii fi Shawaa Kaaba-Lixaa, magaalaa Walisoo keessatti illee akkasuma lubbuun namaa dhabamuu fi hedduun ka biroon madaa’uu jiraattonnii fi hoogganoonni paartii mormituu kun Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran. Magaalaalee akka Waliisoo, Baakkoo, Geedoo, Doddolaa fi Laaloo Asaabii keessatti uummatni barattoota waliin hiriira ba’uudhaan, mormiin Maaster Plaanii Finfinnee ka barattoonni karaa nagaa dhiheessan akka deebii karaa nagaa argatu gaafataa turan, jedhu. Magaalaalee ka biroo akka Kuyyuu, Aboomsaa, Laaloo Qilee, Kiiramuu, Eebantuu, Giddaa Ayyaanaa, Naqamte, Baatuu, Dandii, Sandaafaa fi Beddellee keessatti hiriirri geggeessamuu illee Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:30 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG