Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormiin Bratoota Oromiyaa Keessaa Itti Fufee Jira


Godiina Qellam Wallaggaa magaala Qeebbee, Jimmaa Horroo fi Hawaa Galaan keessatti kamiisa kaleessaa qabee mormiin barattotaa fi uummataa itti fufee kan jiru ta’uu jiraattonni nannoo ibsanii jiru.

Godina Arsii Lixaa Serootaa, Godina Shawaa Lixaa magaalaa sayyoo akkasumas Godiina Shawaa Bahaa magaalaa Nuraa eeraa Boolee keessattis akkasuma hiriirrii mormii kun itti fufuun beekamee jira.Kunis Maastar plaanii Finfinneef ba’e mormuun akkasumas hidhaa fi ajjechaa humnootiin mootummaa gesiisaa jiran mormuun ta’uu jiraatonni ibsanii jiru.

Kanneen hidhaa keessa jiran gadhisaa akkasumas lafa qonnaan bulaa dabarfamee hin laatamuu jechuun hiriiruu isaanii dubbatu. Jiraatonni akka jedhanti humnootiin mootummaa Itiyoophiyaa hiriirtoota reebaa fi hidhaatti naqaa jiru. Magaaloottiin adda addaa keessa jiraatanis humna waraanaan marsamee sodaa guddaa jala akka jiran dubbatan.

Gama kaaniin Kongiresiin Federaalisitii Oromoo Muddee 12 bara 2015 godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti hiriira momrii yaame.

please wait

No media source currently available

0:00 0:14:17 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG