Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan Awurooppaa Dhimma Itiyooopiyaa Irratti Yaada Murtii Raggaasisee.


European Parliament in session, Strasbourg, France, video still
European Parliament in session, Strasbourg, France, video still

Paarlaamaan kun murtii kana kan raggaasise paartilee fi gareelee isaa gurguddoo ta’an saddeet paartii uummata Awrooppaa EPP, garee warra sooshaalistii fi demokraatotaa SND, warra Libraalii green paartii jedhaman dabalatee deggersa torban isaanii argachuun akka ta’uu miseensa paarlaamaa kanaa kan ta’an Aanaa Maariyaa Gomesh VOAf ibsanii jiru.

Yaadi murtii paarlaamaa dhaan dhiyaate sun kan qophaa’e garee koo qofaan utuu hin taane paartilee ijoo kan paarlaamaa Awrooppaa torbaani jedhan.

Murtiin sun battala gara deebii cimaatti ce’uu isaa kan ibsan Ana Gomesh, Gamtaan Awrooppaa sababaa nageenya naannoo fi kanneen biroon Itiyoopiyaa waliin wal ta’uu filatee kan ture ta’us amma garuu lammiiwwan isaa irratti dhiittaa mirga namoomaa fi dararaa geessisaa jiru akkaan kan isa yaaddessaakan dhufe ta’uu ibsee jira.

Yaadi murtii kun kan Raggaasisame waan tokko utuu hin jijjiiramin utuu hin fooyyeffamin ta’uu kan ibsan Ms. Gomesh yaada murtii kana qoopheessuuf kan isaan kakaase maal akka ta’e ibsaniiru.

Murtiin sun haala qabiyyaa mirga namaa Itiyoopiyaa keessaa yaaddoo inni nutti uume ibsa. Keessumaa immoo magaalaa Finfinneetii ala kanneen jiran yoo xiqqaate lammiiwwan Oromoo 140 ta’an booda irra kan dhaabate mastar plaanii Finffinnee utuu mormanii kanneen ajjeefaman dabalatee dhiittaa mirga namaa ka biroo ilaallata jedhan.

Ms. Gomesh ibsa isaanii Kanaan naannolee Gambeelaa fi Ogaaden keessatti raawwataman kan jedhaman dhiittaa mirga namaa tarreessuu dhaan paarlaamaan Awrooppaa haalli isaa kan isa yaaddesse ta’uu dubbataniiru.

Tarkaanfiin humnaa dhiittaan mirga namaa hiraarsi siyaasaa fi adamsuun hatattamaan akka dhaabatus murtiin kun gaafateera. Mirga isaanii karaa nagaan ibsachuu isaaniif kanneen hidhaman jedhamanis hatattamaan akka hiikaman gaafata.

Ajjeechaawwan raawwatamanii fi dhiittaa mirga namaa raawwataman qorannaan amanamaa fi ifaa ta’e akka geggeessamu gaafata. Mootummaan maastar plaanii guutummaan dhaabuuf murteessuu isaa ibsi sun galateeffateera. Itiyoopiyaan seerawwanii fi walii galteelee sadarkaa addunyaa akkasumas chaarterii mirga namaa akka kabajju gaafata. Itiyoopiyaan qorattoota addaa kan mirga namaa, ijaaramuu fi mirga nagaan wal ga’uu kan tokkummaa mootummootaa akka afferuu gaafata. Murtiin yaadaa paarlaamaa Awrooppaan raggaasisame kun dursanii to’annaa jala kan oolan hidhamtoonni siyaasaa, gaazexeessonni fi mormitoonni martinuu akka hiikaman gaafata.

Ibsi kun itti dabaluu dhaan biyyi Itiyoopiyaa biyya guddoo ka sabaa fi sablammoonni hedduun keessa jiraatan taatus uummanni guddichi kan akka Oromoo fi Ogadeen kan keessatti hachuucamani jedha.

Naannoo Somaaleetti qabeenyaan boba’aa mootummaan uggruamuun, gaazexeessonnii fi namoonni gargaarsa kennuuf gamas seenuu dadhabuu ilaalchisee dhimmoonni akkasii furmaata akka argatan ibsi kun tuqee jira.

Gargaarsi paarlaamaan Awrooppaa Itiyoopiyaaf godhu yakkawwan dhiittaa mirga namaa waliin hidhata akka hin qabaanne keessaahuu projektiiwwan qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa dachii isaa irraa buqqisu waliin hidhata akka hin qabaanne jabeessinee gaafanna jedha.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:39 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG