Xurree ittiin seenan

Breaking News

Perz. Ayvorii Kosti ka durii,Lawurent Baagboo Mana Murtii Addunyaatti geessanii himachuutti jiranii, waan himataniin ya mormate


Laurent Gbagbo(mirga)
Laurent Gbagbo(mirga)

Laawurnet Baagboo,jaarsii ganna 70 biyya isaa Ayvori Kosti(Ivory Coast) bara 2000-2011 biyya suni bulchaa bahe.Barii hujii dhuamtee,filannoolleen moo'amee nama filannoo moohamte,Alaan Wataaraatti hujii dhoosii didee jedhanii itti baafatan.

Innii irraa bu’uu didee dubbiin gara gosaatti jijjiiramtee nama hadhee wal balleesse, nama 3000 dhumate.Hujii irraa bu'uu didullee waraanii biyya Faransaay waan hedduun ummata gargaaree jaarsa kana hadhuma hdhanii hujii irraa buusanii qabanii hidhan.

Jaartii isaa, Simone Gbagbo ammoo achuma Ayvori Kosti keessatti balleessaa itti muranii haidhaa ganna 20 adaban.Manii murti kun ICC isiillee The Hague fidee himachuutti jiran.

Perezidaanti kana yakka waraanaatiin himatanii dubbii isaa hardha Mana Murtii Yakka Addunyaa Qoratu(ICC) ka The Hague Nezerlandis jirutti laaluutti jiran.

Baagbon Perezidaantii biyya tokko ka qaraa manii murtii addunyaa laaluutti jiru kun balleessaa gugurdoo;ijjeehchaa,buufachaa ykn giddeessanii bira rafuu fi waan hedduun himatan.

Warra naqaashii itti tahellee warra durii bara perezidaanti kanaatti nama irraa ijjeesan,hidhan,nama waraanii Baagboo buufate,dhaanee fi waan hedduu tahe fa.Baagboolleen balleessaa tana ya mormate taatullee manii murtii waan naqaashiin abbaa alangaa addaa jedhan caqasaa waan jedhu jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG