Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shifeerotii taaksii Naayroobii Uber 'nu kasaarsuutti jira' jedhanii mootummaa isaaniitti himatan


Karaa guddaa Naayroobii (Kuusaa Suuraalee) Ebla 14,2015
Karaa guddaa Naayroobii (Kuusaa Suuraalee) Ebla 14,2015

Uber,maqaa dhaaba makiinaa Amerikaati,bara 2009 hujii jalqabee waajjirii isaa guddaan Kaalifooriyaa jira.

Dhaabii kun, Uber Ammajii 2015 Naayroobii,Keenyaatti hujii jalqabe.Akka shifeerotii taaksii Naayroobii jedhanitti Uber gatii laaftuu nama fa’aa hujii taaksii kasaarsuutti jira.

Abbootii taaksii Naayroobiilleen akka mootummaan isaanii Uber isaa irraa dhaabu gaafachuutit jiran.

Warra Uberiin hujii nurraa kasaasre jedhee himatu keessaa tokko Firedirik Kiyaalooti akkana jedha; “Eegii Uber dhufee ganna tokko keessatti horii womaatuu hin argannu ya kasaarreeyyuu.Nama fahanhnnu eegachufu karuma irraa tataa’aa oolla.”

Akka shifeerotii kun jedhanitti “Uber jibbuufii mitii “akka gabayaan seera-qabeetii jiraattu feena.”

Shifeerotii Keenyaa yoo mootummaan isaanii guyyaa jaha keessatti rakkoo Uber tana hin fixin karaa cufan.

Akka oduu sab-qunnmatii Keenyaatti biyya isaanii keessa Uber 200 jiraa taaksiin kaan ammoo kuma 15ti.

Uber makiinaa geejjibaa seeraan galmaahee hojjatu taatullee biyya akka Xaliyaanaa,Jermenii,Baankoo faatti shifeerota seera malee oofanitti nama fa'a jedhanii cufan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG