Xurree ittiin seenan

Breaking News

USA perezdaantii filachuuf kurfoo jirtii jiraattotii magaalaa New England eda galgala filannoo Primary jedhan jalqaban


Filannoo perezidaantummaa Amerikaa,New England
Filannoo perezidaantummaa Amerikaa,New England

Dheengaddaa ‘CAUCUS’ amma ammoo Primary, Filannoo Walii Galaa(General Election)itti aana.Amerikaatti filannoon perzidaantummaa akkuma naannoo isaaniitti maqaa akka akkaa qaban.

Primary fi Caucus mala paartileen siyaasaa USA nama perezidaantii tahuuf wal dorgomsiifatanii keessaa filatan.

Primery hedduutti jira; Ta Dhossaa, Ta Dhossaa hin qamne, Haga tokko Dhossaa fa.Closed primary: Semi-closed primary: Open primary: Semi-open primary fa jedhan

CAUCUS jechuun marii fi falmii miseensotii paartilee abbaa fedhan filachuuf galma wal gahii,manneen barnootaa,manneen amantii, manneen dhuunfaatii fi gara garaatti walti dhufanii abaa fedhan filatan.

Godinii hagii tokko CAUCUS hagii tokko ammoo Primary qaba.Godina Amerikaa 12 mala filannoo CAUCUS qaba.Godina Amerikaa 34 Primary qaba.

Caucus torbaan dabre godina IOWA keessatti jalqaban hardha ammoo magaalaa New Hamphire,godina New England keesastti Primary jalqaban.

Filannoo perezidaantummaa USA baranaa nama hedduutti dorgomee 12 walti hafe; Demokiraati keessaa nama 3 Rippaabilikaan keessaa ammo nama 9 dorgome.

Johan Kasich warra dorgommiit jiru keessaa tokko ”Cabbii taatee bokkaan jiraatee jarii keenna balabal dhaanee koott filadhaa jedhee ummata yaammata, ”jedha

Rippaabilikaan keessaa John Kasichitti haga guddaan dura jira.”Garee filannoo dansaa qopheeffannee balbala cufa irraa yaanee nama dammaffannee filannoof baafna jedha.”

Eegii filannoon Primary dhumatte paartiin lamaanuu akkuma karoora isaaniitti Priemeryi fi CAUCUS irratti dorgomuuf godina gara garaa dhaqan.

Filannoo perezidaantummaa Amerikaa baranaa maati perezidanti Bill Clinton keessa Hilary Clinton maatii George Bush keessaa ammoo obboleessa isaa Jeb Buush faatti dorgoma.

Filannoon perezidaantummaa USA walii galaa Sadaasaa 8, 2016 jalqaban.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG