Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministirii Haajaa Alaa USA:Hiriira mormiiti asitti akkii Oromiyaan keessa jirtu ammallee numa yaaddessa


John Kirby,oduu himaa Minisitirii Haajaa Alaa,USA
John Kirby,oduu himaa Minisitirii Haajaa Alaa,USA

Ministirii Haajaa Alaa USA, guyyaa waan akka akkaa irratti gaazexeessitotatti wahima.

Wiixata dabrellee nama Itoophiyaa hedduutti ministera haajaa alaa Amerikaa duratti hiriira bahee akka bulchiinsii mootummaa perez.Obaamaa mootummaa Itoophiyaa muddee waan Oromiyaa keessatti nama hiriira mormii bahe ficcisiise qaamii walabaa qoratee dhugaa baasu gaafate.

Tana caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:48 0:00
Xurree marsariitii

Waan kalee oduu himaan haajaa alaa USA, Joon Kirbii (JOHN KIRBY) deebii itti kenne keessaa tokko haala Oromiyaan keessa jirtuu waliin waan hedduutti Itoophiyaa keessaa minsitea isaanii yaaddessa.

Waan gaazexeessitotii Amerikaa oduu himaa ministera Haajaa Alaa USA gaafatan gaafatan keessaa;Mootummaan USA jeequmsa hiriira mormii Oromoo irratti rakkoo dhalatteef akka qaamii walabaa qoratu itti dhugeeffataa ykn amanaa jennaan.

“Wantii Oromiyaan keessa jirtu dhugumaanuu akka malee nu yaaddessiti. Keessattuu eegii hiriirii mormii baballatee,warra mootummaa nagaa eeguu fi warrii hiriira bahee walti bu’ee jeequmsii hammaate.Mootummaan hiriira kana irratti humna jabeessee akka namii hiriira bahe hedduun lubbu dhabu,itti gaafatamtota siyaasaatii fi gaazexessitota dabalee hedduun hidhamu tolche.”

Tana caalaa ammoo:Yaaddoo teenna kophaa fi diidumalleetti baafnee mootummaa Itoophiyaalleetti ya himne.Akkuma addunyaanuu irratti walii galtee poolisii fi bulchoota naannoollee dabalee namii lubbuu barbaachisaa mitii.

Itti aanatuun itti gaafamtatuu ministera haajalaa alaa USA,Liindaa Toomas Greenfiildi, (Linda Thomas Greenfield) ministeruma kanaatti itti aanaan dhimma demokiraasii,mirga namaatii fi hujii,Toom Maliinoowiskii(Tom Malinowski) gaafa mootummaa USA fulaa bu’anii kora Waldaa Afrikaa Ammajii dabaree Finfinnee dhaqanillee mootummaa Itoophiyaatii fi miseensa hawaasa Oromoo waliin:

“Hawaasa sun waliin keesattuu kahimaa waliin waan hiriiraaf nama baase irratti mariin wayyaa qabdu jiraachuu akka malte walii galame.”

Akka jecha oduu himaa kanaatti hiriiri kukkun master pilaanii caalaa waan isa baasetti jira. “Mootummaan Itoophiyaa master pilaanii falamaa guddaa fide dhiisuuf jedhee Ammajii 14 murteessun tarkaanfii faaydaa qabdu ta duraa keessaa tokko.”

Walumaagalattuu akka jecha oduu himaa kanaatti Itoophiyaatti jara yaada garaa ufii himatu rakkisuu fi hidhuun waan Itoophiyaatti nama yaaddessaa keessaa tokko.

“Ammallee irraa deebinee akka mootummaan Itoophiyaa mormitoota rakksuu dhaabu, mirga seerii nama cufaa kenneen mari taa’uu,waan fedhan barreessuu,akkuma ballinna saba isaaniitti yaada isaaniillee ballinnaan ibsachuu dandahan gaafanna,”jedha.

Ministiri haajaa alaa USA guyyuma guyyaan oduu akka akkaa irratti ibsa baasa.Minsiteri haaja ala Amerikaa WDC jiraa hojjatoota kuma 70 dhiyaatan biyya keessaa fi biyya alaallee qaba.

Ministirii Haaja Alaa USA (US State Department)
Ministirii Haaja Alaa USA (US State Department)

​Ministirii Haajaa Alaa USA

USA Department of State Harry S Truman Building
2201 C Street, NW Washington, D.C., U.S.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG