Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni mooraa DADAAB keessaa biyya ofiitti haa deebi'an jette KENIYAAN


Baqattoota Somaalee
Baqattoota Somaalee

Keniyaan erga rakkoo naga eegumsaa biyya ishee keessaa hedduuf al shabab himatamuu qabee booda baqattoonni Somalia biyya isaaniitti akka deebi’an gaafattee jirti. Dhiibbaa irra jiru hammaataa waan adeemeef lammiiwwan Somalia hedduun biyyatti deebi’uuf dhaaba baqattootaa kan tokkummaa mootummootaan galmaa’aa jiran jedha gabaasi Mohammed Yusf mooraa baqattootaa guddicha kehiyaa keesaa jiru Dadaab irraa ergame.

Ibrahim Hussein waaltaa namoonni biyyatti deebifaman keessa jiran kan keellaa UNHCR mooraa Ifo jedhu ka daawwatan keessaa ti.

Baqattooni baatilee sadii gidduutti gara somaliatti ergaqmuu qabu kan jedhu Radio irraa waanan dhaga’eef waa’ee adeemsa sana mari’ataan jira jedhan Ibrahim.

Tokkummaan mootummootaa fi hojjettoonni isaa gargaarsa godhaniifis galateeffachuun fedha jedhan. Abbaa ijoollee torbaa kan ta’an Ibrahim gara mooraa Dadab kan dhaqan bara 2011 yeroo beelli Somalia dha’etti. Akkuma lammiiwwan Somalia kumaan laka’amanii nyaataa fi bishaan akkasumas dawaa barbaacha karaa dheeraa qaxxaamuran.

Waggoota shan booda immoo erga Kenyaan jarmiyichi baatilee sadii gidduutti adeemsa isaa ariifachiisuun dhaan lammiiwwan Somaliaa biyya isaanitti akka deebistu gaafattee booda Ibrahim baqattoota kuma tokko kanneen biyyatti deebi’uuf galmaa’an keessaa tokko.

Ibrahim akka jedhanitti naga dhabiinsii fi hoji fi walabummaan sosso’uu dhabuun kenyaa keessaa mooraa keessaa akka baqatan isaan dirqisiise.

Magaalaaleen sadii Somalia keessaa jechuun Kismayo ka naannoo Juba gara gadii jiru, naannoo Geedoo keessa kan jiru Luuq fi baidoan baqattoonni kun deebi’anii akka keessa jiraataniif bakka amansiisaa dha jedha UNHCR.

Jarmayaan kun akka jedhutti baqattoonni naannolee biraas ni galmaa’u garuu bakkaawwan sodaachisuu ta’anitti hin deebifaman. Ibrahim garuu Baidoatti ergamuuf jiru.

Mooraa dhuma dadab keessaa VOA dubartoota waggoota shan booda biyyatti deebi’uuf jiran haasofsiisee jira. Garuu bakka isaan itti ergaman murtaa’aa ta’uu isaatti hin gammanne. Nimo Samatar naannoo Gedo kan jiru Bula Hawa irraa ti.

Namoota biyyattii deebi’uuf galmaa’an ka duraa keessaa ani tokkoo jetti Samatar, Aniif hiriyoonni koo hawaasa addunyaaf TM kan nuti gaafannu Somalia keessaa bakka barbaanne dhaquun jiraachuu akka dandeenyu jetti.

Mooraa sana gad dhiisanii deemuuf qophaa’an iyyuu hedduun biyya ofii keessatti maal akka isaan eegu ilaalchisuun soda qabu.

Khadra Ismail Moqadishoo irraa dhufte. Yeroo ammaa waldaa fannoo diimaa Kenya kan Mooraa Dadaab keessatti qabsooftuu mirga dubartotoaa ti. Waa’een namoota Somalia keessaa hidhannoo qaban na yaaddessa jetti.

Guyyoota xiqqoo dura finxaaleyyiin al shabab naa bilbiluu dhaan dhimmi dubartootaa irratti hojjechuu hin dhaabdu taanaan si ajjeesna jedhanii na doorsisan jetti Kadran. Hojii ishee ilaalchisee waraqaa ragaa hedduun qaba, finxaaleyyiin kun waraqaa kana argu taanaan anaaf soda guddaa dha jette.

UNHCRtti itti aantuun gargaartuun adeemsa baqattoota biyyatti deebisuu Maawiya Issa akka jedhanitti namoonni irra hedduun kanneen waajjira isaanii dhufan Kenyan mooraalee baqattotaa cufuuf waan dhaadatteef biyyatti deebi’uu malee filannoo hin qabnu jedhu.

Baqattoonni kun soda keessa jiru jedhu Isaan. Fedha keenyaan utuu hin taane ajaji baatii sadii qofti waan nutti kennameef jecha dirqii dhaan deeb’iaa jirra, bakki nuti itti deebinu immoo amansiisaa miti jedhu.

Akka UNHCR jedhutti erga baatii muddee qabee baqattoota kuma lamaa oltu somaliatti deebi’an.

Ibrahim, Samatar, fi Isma’el akkasumas kanneen kuman laka’aman ka biroon biyya isaaniitti deebi’uuf eegaa jiran, eegumsi isaaniif qodhamu xiqqoo waan ta’eef waa’ee hegeree keenyaa waanti beekamu hin jiru jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG