Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barreessaa ‘Tuulaa Cubbuu’


Yeroo mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa ture akka asoosama barreessuu jalqabe dubbata. Asoosama gabaabaadhaan jalqabe, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 1994 ennaa kutaa kudha-lama xumuratu. Mata-dureen asoosamichaa “Onnee Madoofte” jedha.

Jaalala daradarummaa isa belbelse irraa ka’uun barreesse. Jaalalichaan belbele iyyuu itti milkaa’uu isaa dubbata. Jaalalleen isaa yeroo sanaa amma haadha manaa isaa ti. Haadha-mucayyoo dubraa ti illee, amma. “Maqaa mucayyoo keenyaa ‘Murtii’ jedheen moggaase’ – jedha – barreessaan kitaaba ‘Tuulaa Cubbuu’, Naasir Kadiir Elemoo. Amma barsiisaa mana-barootaa sadarkaa lammaffaa. Mana-barnootaa Qophaa’inaa Hasaasaa tii barsiisa.

Kan inni barate dura Seenaa, booda immoo Siivikii dha. Barnoota afaanii fi hog-barruu barachuuf hawwe iyyuu carraa isaa hin arganne, jedha. ‘Tuulaa Cubbuu’, asoosama dheeraa amma maxxansiise kana bara 1997 barreesse. Kan inni maxxansiise bara dabre kana tahe iyyuu nuti guyyoota xiqqoo dura arganne. Isa xalayaa waliin karaa mana poostaa nuuf erge.

Guutummaa gaaffii fi deebii barreessaa Naasir Kadiir Elemoo waliin geggeessine dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG