Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bunaa Fi Nagaa Hin Dhabinaa!


Waan Itoophiyaan addunyaa keessattiin beekamtu keessaa tokko buna.Namii Itoophiyaa buna waan hedduun tolfata;dhaabatee dhugaa,qalatee nyaata,dubraan fuudhuun kadhaa dhaqaa,aadaa fi seeraan guutataa,baasee gurguratee haajaa hedduun guutata. Jireennii nama Itoophiyaa miliyoonii 15tti dhiyaatu gama kanaan tahii gama suniin bunatti hirkata.Itoophiyaan bara 2012 keessaa buna toonii kuma 100 caalu gabayaa alaatti gurgurattee doolara biliyoona fi miliyoona 16 jalaa argachuuf hujiitti jirti jedhan.Bunii Itoophiyaan alatti ergattu harkii 65 akka obboo Taaddeseetti Oromiyaa dhufa.

Biyyiti tun buna isii ka akkana addunyaan jaalattee fi gabayaa addunyaa keessa mi’aa qofaa mitii foolee isaatiinuu hin beekanii jedhan kana hagana caalaa jabeeffattee biyya innii hin gahinilleen gahachuuf kora addunyaa Sadaa 8,fi 9,2012 Finfinneetti yaamte.
Obboo Taaddasaa Masqalaa I/G/Waldaa Oomishtoota Buna Oromiyaati,wannii korii kun taaheef;

“Waahee Buna keennaa addunyaa irratti barsiisuu…warrii buna alaatii bitan,qorattoonni,ka buna oomishna,kana buna biyya keessatti akaahan walti dhufanii qulqulinna buna keennaa irratti dubbanne….”

Obboo Taaddasaa, Buna Itoophiyaa addunyaa irratti maaniin beekan jennaan.
Buna Itoophiyaa tokkoffaa…buna uumamaadhaa,lammaffaan dhandhamii isaa addaa..kaan wayini, wayinii jedhaa,kaan mookaa jedhaa,kaan ammoo burtukaana dhahaa,buna foolee gaarii qabaa...Gaaddisaa jalatti biqilaa,lafa tabbaa irratti bahaa.”
Buna Itoophiyaa kana haga guddaan gabayaa Jermenii fi gabayaa Sahudiitti ergan,dhaabbilee USA buna Itoophiyaa bitan keessaa;Rooyal Koofii,Inter-Amerikaa,Staarbaaksi dabalee hedduu.

Qabeenna Itoophiyaa guddaa kana jabeessanii qonnaan bulaa buna oomishullee jabeessuuf akka obboo Taaddasaatti buna biyya tanaa jabeessanii addunyaatti labsuu fi akka qonnaan bultootilleen buna dhama qabuu fi gabayaa dansaa baasuuf oomishan leenjisuu fi barsiisuu jedha.

Akka Obboo Taaddeseetti qonnaan bultootii buna isaanii lafatti afuu,bisaan itti naquu fi cirrachaan wal makuu baannaan,dheedhii ciruu baatanii midhaassanii quleessinaan gabayaa dansaa jalaa argatan.

Marii Qulqulinna Buna Itoophiyaa irratti mari’atte irratti dhaabbilee bunaa Itoophiyaa bitan hedduutti biyya alaatii dhufe.Muummeen ministera Itoophiyaa obboo Hayilee Maariyam Dessaalenyilleen mootummaan isaanii akka Itoophiyaan buna dansaa qabaattu tolchuuf waldoota oomishtoota bunaa akka gargaaru waadaa gale.

Itoophiyaan biyya bunii itti dhalatee,namii isiilleen buna kana waan hedduun guutata.
Bunaa fi Nagaa Hin Dhabinaa jennaa mee waan buna Itoophiyaa irratti qopheessine nuu caqasaa.
Mee tana nuu caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:06 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG